Saturday, January 28, 2023

 Maqaa Abbaa , Maqaa Ilmaa , Maqaa Hafuura Qulqulluu , Sadan Waaqa Tokkoo , Ameen.

Ibsa Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaarraa Kenname

Qulqulluun Sinoodoosii Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoon Itiyoophiyaan Hafuurri Qulqulluun isa geggeessu , Kitaaba Haqaa Hafuurawaan ; akkasumas , Seera Mana Kiristaanaa keeyyata 19 muraa lakk. 3 dhimmi hatattamaaf akka tasaa yommuu mudatu yaa’ii guutuudhaa akkanni taasisu bu’uura seeraan tumameen , A.L.I Amajji guyyaa gaafa 18 , 2015 Yaa’ii Guutuu hatattamaa taasiseen , Cabiinsa wayitawaa: amantaa , qannoonaa , fi bulchiinsaa ilaalchisee murtiilee dabarseera.

Manni Kiristaanaa qulqulleettiin durummaa qabdu , kan duuka bu’uummaa , kan idil-addunyaa taate uummataaf alagoota , namaaf ergamoota , uumamaaf uumaa , caalaattuu , garaagarummaa namaaf Waaqayyo gidduu jiru bal’eessee , ilmaan namootaa hundumaa: afaaniin , bifaan , gosaan utuu addaan hinqoodin tokkummaatiin qabeenya Ilmaa (Kennaa ayyaanaa Iccitiiwwan mana kiristaanaa torbaniin kennamu) fi maqaa kiristaanummaa argatanii jilba Hafuura Qulqulluu keessaa , gadameessa Yoordaanos keessaa kan dhalatan , bishaan cinaachasaa keessaan kan cuuphaman ijoollee mana kiristaanaa akkasaan ta’aaniif , garaagarummaa kan hin qabne mootummaa Waaqayyoo ishee kan barabaraa akka dhaalaniif dhiiga Kiristoosiin kan hundoofte Qulqulleettiin Mana Kiristaanaa , qorumsa baradhufee darbu isheerratti ka’aan mara dabartee bara keenya geessee tti.

Yoomayyuu , haala kitaabilee qulqullaa’oo irraas ta’e barumsa amantaa Oortodooksiirraa raawwatee adda ta’een Mana kiristaanaa gosaaf afaaniin adeemsi gargar baasuu sadarkaa idil-addunyaatti waan hoodaa ta’us , Manni kiristaanaa gama amala amantaaf hafuurummaa isheerraa kan adda ta’een , seenaaf sirnashee kan hin gitneen , seera hafuurawaarraa , seera uumamaa fi seera qalbii keessaa bifa ba’een haleellaan isheerra ga’ee fi gochi Fonqolcha Sinoodoosii daran ishee gaddisiiseera.

Qulqulleettiin Mana kiristaanaa seenaa ishee keessatti: tokkummaa biyyaatiif , haqaaf , ogummaaf , hidhatiinsa uummataaf , guddina hawwaasummaaf , fayyaaf , naamusa gaariif hundeef utubaa ; utubaaf shereeraa taatee sadarkaa idil-addunyaatti kan sodaatamte , kan kabajamtee fi kan jaal’atamte ; sonaaleen ishee fi kuufamni qabeenyi beekumsashee rogeeyyiitiin kan beekame , barumsa addunyaa keessatti utuu hin hafin kan bocame ; haayyotii dhugaatiin kan dhugeeffame , hambaaleen ishee kan isheef galma’aan yoo taatu ;

Dhiyeenya kanatti , ofiima isheetii kan isaan mudde biyya keessaa fi biyya alaatti ergama duuka bu’uummaa ol-aanaa akka ba’aataniif dureewwan phaaphaasotaa imaanaan isaanitti kennameen , bu’uura amantaa , qannoonaa amantaawaa , sirna bulchiinsaa mara karaa cabseen , guddinaaf bulchiinsa hawwaasaa keessatti uummataa wajjin kan dhaabatte , siyaasarraa walaba kan taate , dhaabbilee hafuurawaa fi uummatawaa ta’aan ganuun gochaa  alseerummaa ol-aanaa ta’e , gochaa dhaabbatittii jigsuu fi caasaashee diiguudhaa raawwatameera.

Bu’uuruma kanaan : -

A.L.I guyyaa gaafa Amajji 14 , 2015 Biyya Lallabaa Kibba Lixa Shawwaa , aanaa Sooddoo Daaxuu , magaalaa Waliisoo keessaa achi ba’ee kan argamu Mana Kiristaanaa Haroo Baalawaldii keessatti kan raawwatame baay’ee kan gaddisiisuu fi fafsiisaa al-sinoodoosii kan ta’e , cabiinsa alseerawaa qannoonaa mana kiristaanaa ilaalchisee , Qulqulluun Sinoodoosiin geggeessummaa Hafuura Qulqulluutiin yaa’ii guutuu hatattamaa taasiseera ;

Qulqulluun Sinoodoosiinis , biyya keessaa fi biyya alaa kan jiran biyyi lallabaa marri ; yaa’iin bulchiinsa mana lubummaa muummee teessoo phaatiraarikii ; yaa’iin haayyotii , qajeelchaan tajaajila seeraa , tokkummaan dargaggootaaf manneen barnoota dilbataa idil-addunyaa fi sadarkaa biyyaa , waldaaleen hafuurawoon , gamtaan amantootaa fi tajaajiltootaa , Oortodooksonni marri xalayaatiin , miidiyaa fi yaada gorsa isaan qaamaan kennanii fi ibsa ejjannoorraan ka’uun ;

Michoonni QUlqulleettii Mana kiristaanaa biyya keessaaf biyya alaa jiran ; keessumattuu , Qulqulluun Sinoodoosiin Mana Kiristaanaa Oortodooksii Koptikii Iskindiriyaa Gibx , Phaatiraarikii seera qabeessaan alatti mudama taasifamu akka hinfudhannee fi beekamtii akka hin laanne ibsa ejjannoo erganiin , Manni Kiristaanaa Oortodooksiin Tawaahidoo Eertiraan , Manni Kiristaanaa Oortodooksiin Maalaankaaraan Hindii fi Manneen Kiristaanaa Obboleewwan Oortodooksiin isaan biroonis , Manni Maree Manneen Kiristaanaa Idil-addunyaan , Dhaabbileen Hafuurawoon Idil-addunyaan , Dhaabbileen Tola-oltummaa fi Misoomaa Qooddatoon ; gochicha maggansuun , kan hinfudhanne ta’uusaa ibsa erguudhaan qooddattummaa agarsiisaniin ;

Dursee akkuma ibsame Qulqulleettiin Mana kiristaanaa yeroo itti dhiiga Kiristoosiin hundooftee jalqabee , yeroo isheen qorumsa malee jiraatte akkanni hin jirre kitaabileen qulqullaa’oonii fi galmeewwan seenaa yoo dhugaa ba’aan , bara Duuka Bu’ootaa obboloonni soboon , bara haayyotii shakkitoonni garaagaraan , .  .  . yeroo yerootti ka’uun ishee qoraa turaniiru. Ammas , ifatti akkuma mul’atu , alaanis keessaanis qacareeyyii gurma’aaniin qoramuurratti argamti.

Kanaafis , A.L.I guyyaa gaafa Amajji 14 , 2015 Biyya Lallabaa Kibba Lixa Shawwaa , aanaa Sooddoo Daaxuu , Mana Kiristaanaa Haroo Baalawaldii keessatti dura bu’uummaa Abbaa Saawiiroosiin fafsiisaa , alseerawaa , cabiinsi qannoonaa Mana kiristaanaa daran gaddisiisaa Al-sinoodoosii ta’e isa tokko yoo ta’u ; dura bu’uummaa Abbaa Saawiiroosiin cabiinsi qannoonaan Mana Kiristaanaa raawwatame , manoksoota 26 mudama qannoonaa keessaa ba’e kennuu isaaniitiinii fi biyyoota lallabaa Hangafoonni Phaaphaasotaa geggeessanitti karaa seeraan ala ta’een ramaduun cabiinsa qannoonaa Mana kiristaanaarra darbee amantaa kan qoqqoodu ; tokkummaa biyyaa kan qaqaawwiseessuu fi kan diigu , amantoota amantootaa wajjin , luboota lubootaa wajjin , haayyotii haayyotaa wajjin , dargaggeessa dargaggeessaa wajjin . . . kan walitti buusuu fi kan dhiiga dhangalaasisu , nageenya kan booressu ta’uusaa Qulqulluun Sinoodoosiin hubateera ; kana waan ta’eef ,

-Olitti akkuma ibsame , Duuka Bu’ootni Qaleemanxoos sadaffaa isaanii irratti , keewwata digdamii shanaffaarratti , “Ephisqoophoosonni koonyaa hundumaa keessa jiran dureen isaanii eenyuunuu akka ta’e beekuu qabu. Duree isa haa taasisan ; fedhasaa malee hojii xixiqqoos gurguddaas homaa waayyuu hin hojjetin ; innis , lammatas utuu ephisqoophoosonni hin heeyyamin hojii babba’eessa hin hojjetin , yoo isa xixiqqaa hojjete gatiin irra hin jiru.  Hundumtuu akka gorsa yaada garaa tokkootti , akka dubbataa sagalee tokkoo ta’aanii , tokkummaatiin haa jiraatani” jedhanii murteessaniiru. Qaamonni alseerawoon kunniin , qannoonaa Duuka Bu’ootaa kana haquu isaaniitiin.

-Lammatas , keewwata afurtamii afuraffaarratti , “Dureen Phaaphaasiin (Phaatiraarikiin) ephisqoophoosonni biyyota irratti mudaman irratti hojiisaan hojjetan , ajajasaan ajajan haa qoratu. Hojii hin malle hojjetanii , ajaja hin malle ajajanii yoo arge , jijjiiree ajaja isaaf mul’ifame haa ajaju. Inni , hundumaaf abbaa mudama isaaniidhaatii ; isaanis , ijoollee isaadhaatii. . . .” jedheera. Sirna mudamaa kana qannoona maleessa kana namoonni dhuunfaan raawwatan , karaa alseerawaa fuulleematti birmadummaa aangoo Sinoodoosii fi mirga Qulqulluu Phaatiraarikii cabsuu isaanii.

Mudama lubummaa ilaalchisee , “Akka Aaroniin kan Waaqayyoon waamamerraan kan hafe , eenyuyyuu , ofiisaaf kabaja kan fudhatu hin jiru” (Ibr. 5:4)  akkuma jedhu sagaleen Waaqayyoo , daaqunummaarraa jalqabee amma phaatiraarikiitti mudamni jiru jalqaba Waaqayyorraa waamamuusaa kan gaafatu yoo ta’u , muudamtootaaf , filattootaa fi filchiistotaaf iyyuu haa hafuutii qannoonaa mana kiristaanaan kan murtaa’e , ulaagaa kitaaba qulqullaawaa kan qabu ta’uunsaa , hundumaaf ifaa dha. Kanas , Qulqulluun Phaawuloos ergaasaa barreesse irratti bal’inaan ibseera. (1Ximo. 3:10 , Tiitoo 1:5-7 , Haqa Hafuurawaa Keewwata 4)

-Kanas , Duuka Bu’oonni Qulqulloonni mudama ephisqoophoosotaa ilaalchisee Qalemanxoos sadaffaarratti , “Ephisqoophoosiin , namoonni biyyasii , phaaphaasiin biyyasii heeyyamaniifii haa mudamu ; argamnaan sadii , argamuu baannaan ephisqoophoosota lama ta’aanii haa mudaniin” jedheera. Kunis , biyya Qulqulluun Sinoodoosiin hinjirretti , yommuu Phaatiraarikiin hin jirretti akka amantoonni hinbittinnoofneef jedhamee kan taasifamudha malee , Abbaa Teessummaa Phaatiraarikiitiin kan Hafuura Qulqulluutiin geggeessu aangoo birmaddummaa Qulqulluu Sinoodoosii dhiibuun kan raawwatamu taanaan garuu , qannoonaa kana gochaa alseerummaan raawwatameef caqasuun , Wangeela Qulqulluu irratti , Gooftaan keenya , Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos akkuma nu barsiise , jecha arrabsoo  Hafuura Qulqulluu irratti akka dubbachuutti lakka’aamee , cubbuu hin haqamne ta’uunsaa jala muramuu qaba. (Maat. 12:30-32 Luq. 12:10 , Maarq. 3:28-29 1Ximo. 1:13) Gochaan namoota kanaa , hojiirra kan jiru , seera qabeessa Hafuura Qulqulluutiin kan geggeeffamu fonqolchuu , Caasaa Mana Kiristaanaa guddoo jigsuu , gochaa dhaabbata seera qabeessa diiguu ; yookiin , jigsuu ta’uusaatiin , Qulqulluu Sinoodoosiin magganfamaniiru.

-Abboonni dhibba sadiif kudha sadiis , mudama ephisqoophoosummaa ilaalchisee , qannoonaa Niiqiyaatti katabaniin , keewwata salgaffaarratti , inni tokko isa kaaniin ephisqoophoosummaa muduuf yoo fedhe , namoonni biyyasii yoo heeyyamaniif , phaaphaasiin biyyasii yoo hin heeyyamaniif , ephisqoophoosummaa muduun isaaf hin ta’u ; kana diigee yoo argame , Sinoodoosiin inmaggansa , mudamisaas in hafa” jedheera. Kunis , tibba kana , qannoonaa Mana kiristaanaan alatti , Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Oortodooksii Tawaahidoo durummaa qabdu , kan duuka bu’uummaa , kan biyyaalettii fi kan idil-addunyaa taate aangoo birmaddummaa Qulqulluu Sinoodoosii seena qabeessa ta’e dhiibuun ijajabinaan mudamni raawwatameera kan jedhame dursee abboottan qulqullootaan kan magganfame dha ;

-Kanumaa wajjin yommuu mudamni ephisqoophoosotaa raawwatamutti , eeyyama Qulqulluu Phaatiraarikii malee , eenyuyyuu gara masaraa mootummaa akkanni deemuuf qannoonaan Mana kiristaanaa hin heeyyamu. Kanarra kan darbe yoo jiraate phaaphaasiirraa fi ephisqoophoosota keessaa eenyuyyuu eenyu dureen phaaphaasotaa utuu isaaf hin heeyyamin gara mana mootii hindhaqin , kan ajaja kana diige Qulqulluun Sinoodoosiin isa maggansa” jedhamee waan murtaa’eef , har’as , murtoo Qulqulluu Sinoodoosii fi Qulqulluu Phaatiraarikiin alatti sochiin kam iyyuu ta’u alseerawaa ta’uusaatiin , Qulqulluu Sinoodoosiin magganfameera.

-Qannoonaa Mana kiristaanaan , namni hunduu aankiisaa eeggatee haa jiraatu malee , inni tokko gara aankii isa kaaniitti hindarbin ; sirna nuti tumne kana nama diige , Sinoodoosichi inmaggansa jedhamee bu’uura barreeffameen , qaamonni alseerawoon kunniin , Qulqulluu Sinoodoosiitiin magganfamaniiru.

-Seera Mana Kiristaanaa keewwata 16 muraa lakk. 30 irratti , ephisqoophoosota muduun barbaachisaa ta’ee yommuu argamu , bu’uura qannoonaa mana kiristaanaatiin akka isaan fo’amanii fi mudamaniif aangoon murteessuudhaa , kan Qulqulluu Sinoodoosii ta’uusaa , kutaa seeromsu kan cabse ta’uusaatiin ;

Seera Mana kiristaanaa keewwata 37 muraa lakk. 1 irratti , filmaanni ephisqoophoosotaa kan inni raawwatamu , mudamuun ephisqoophoosummaan barbaachisaa ta’uunsaa yaa’ii guutuu Qulqulluu Sinoodoosiitiin yommuu itti amanamuu fi yommuu murtaa’u qofaa kan raawwatamuu fi seeromuusaa ;

Seera Mana kiristaanaa keewwata 18 muraa lakk. 5 irratti dureen phaaphaasiin(ephisqoophoosiin)  seerawwaniif qannoonaa amantaa mana kiristaanaa faallomsu miseensummaarraa akka haqamu seeromuu isaatiin , Qulqulluun Sinoodoosiin isaan magganseera.

Walumaagalatti , gochaan alseerawaan raawwatame , madaaltoo seera namaanis ta’e seera Waaqayyootiin kan magganfame , bu’uura amantiirraa kan adda ta’e , qannoonaa abbootaan , seera mana kiristaanaatiinii fi bulchiinsa mana kiristaanaan , waliigalatti , kan fudhatamummaa hin qabne dha. Kanaafuu ,

1ffaa. Bu’uura Kitaaba Haqaa Keewwata 5 muraa keewwataa 138 tiin , A.L.I guyyaa gaafa Amajji 14 , 2015 Biyya Lallabaa Kibba Lixa Shawwaa , aanaa Sooddoo Daaxuu , Mana Kiristaanaa Haroo Baalawaldii keessatti

1ffaa. Abbaa Saawiroos

2ffaa. Abbaa Eewosxaatewoos

3ffaa. Abbaa Zeenaa Maariqoos qannoonaa Mana kiristaanaa cabsuun , aangoo isaaniif hin kennamneen ephisqoophoosota 26 muudneerra , Sinoodoosii hundeessineerra jechuun , miidiyaalee hawwaasaa irrattii fi miidiyaalee biroodkaastiitiin ibsa laataniin , kan mirkanaa’e ta’uusaatiin , gochaama isaanii kanaan uummata kiristaanaa biyya keessaaf biyya alaa jiraatu goyomsuun gochaa ganiinsaaf shakkiinsaa raawwachuu isaaniitiin , Qulqulluun Sinoodoosiin Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa Hafuura Qulqulluutiin hoogganamu maggansee ; Mana Kiristaanaarraa kan isaaniif kenname daaqunummaarraa jalqabee aangoo lubummaa guutuu jiru haquun , maggansee isaan baaseera.

Kana waan ta’eef : -

A.Taayitaan lubummaa isaanii fi maqaan aankii isaanii murtoo guutuu yaa’ii Qulqulluu Sinoodoosiitiin kan ka’e waan ta’eef , A.L.I guyyaa gaafa Amajji 18 , 2015 irraa jalqabee maqaa addunyaawaa isaanii duraaniitiin akkasaan waamaman ;

B.Naanna’aa tajaajila hafuurawaa mana kiristaanaattis , jireenyaanis ta’e du’aan tajaajila hafuurawaa kam iyyuu akka isaan hin arganneef Qulqulluun Sinoodoosiin maggansee tokkummaa mana kiristaanaarraa gargar isaan baaseera.

C.Namoota dhuunfaa yaa’iin guutuu Qulqulluu Sinoodoosiin maggansee isaan baase kana biyyoota lallabaa isaan geggeessaa turan tajaajila hafuurawaa raawwachuun biyya lallabichaa kan hoogganan abbootii eebbifamoo ,

1.Biyya Lallabaa Kibba Lixa Shawwaa

2. Biyyoota Lallabaa: Keeniyaa , Ugaandaa , Taanzaaniyaa fi Ruwaandaa

3.Biyya Lallabaa Iluu Abbaabooraa Fi Bunnoo Beddellee

4. Biyya Lallabaa Kaaba Ameerikaatti Meeniisootaa Fi Naanna’aasaa

5.Biyya Lallabaa Godinaalee: Gujii , Lixa Gujii fi Boorana Liiban

6.Kawaalaa Miskaayee Hizuunaan Madaani’aalemiif

Hangafoonni Phaaphasotaa abbummaatiin hoogganan akka isaan ramadamaniif guutuun yaa’ii Qulqulluu Sinoodoosii murteesseera.

Haa ta’u malee , olitti namootni dhuunfaan maqaan caqasamanii magganfaman , cabiinsa qannoonaa hojjetaniif gaabbanii yoo dhiifama gaafatan , balbaloonni araaraa Qulqulleettii Mana Kiristaanaa yeroo mara banaa ta’uusaanii fi bu’uura qannoonaa mana kiristaanaatiin kan isaan simannu ta’uusaa Qulqulluun Sinoodoosiin nii beeksisa.

2. Birmadummaa Qulqulluu Sinoodoosii fi Mana Kiristaanaa sarbuunii fi qannoonaa Mana kiristaanaa cabsuun gama namoota dhuunfaa kaka’aaniin mudama ephisqoophoosummaa arganneerra ; mudamneerra jechuutti kan jiran manoksoonni 25 karaa alseerawaan qannoonaa mana kiristaanaa cabsuun kan argaman waan ta’eef , dursee mana kiristaanaarraa kan isaaniif kenname taayitaan guutuun daaqunummaarraa jalqabee , guutuu yaa’ii Qulqulluu Sinoodoosiitiin magganfamanii adda baafamaniiru.

3. Namoota dhuunfaa kana keessaatii tokko kan ta’aan Abbaan Tsegga’aab Addunyaan walga’ii hatattamaa Yaa’ii Guutuu Qulqulluu Sinoodoosiin dura cabiinsa qannoonaa fi gochaa alseerawaa kana hubachuunii fi gaabbuun , gochicha mormuun bu’uura isaan iyyannoo mana kiristaanittiif dhiyeessaniin , Qulqulluun Sinoodoosiin dhiifamicha kan isaaniif fudhate yoo ta’u , akkuma isaanii olitti kan magganfaman namootiin dhuunfaan 25 cabiinsa qannoonaa hojjetaniif yoo gaabbanii dhiifama gaafatan , balbaloonni araaraa Qulqulleettii Mana Kiristaanaa yeroo hundaa banaa ta’uusaanii fi bu’uura qannoonaa Mana kiristaanaatiin kan isaan simannu ta’uu keenya ibsina.

4.Farrummaa Mana Kiristaanaa kanaanii fi gochaa alqannoonawaa ta’e kanaan biyya keessas ta’e biyya alaa jiraachaa , kallattiinis ta’e alkallattiitiin ; yookiin , bakkichatti argamuun tumsituu balleessaa gochichaa kan ta’aan Mana Lubummaa Muummee Teessoo Phaatiraarikiirraa amma Mana kiristaanaa daangessituutti hojjettoota jiran ilaalchisee , Waajjirri Barreessaan Mana Lubummaa Teessoo Phaatiraarikiidhaa hordoffii barbaachisaa fi murtoo bulchiinsaa akka kennu ;

5. Gochaa alseerawaa fi cabiinsa qannoonaa kana kan seenaan haa hafu hinjennee: yaadaan , maallaqaanii fi haala biraa kamiinuu deeggarsa gochaa kan turanii fi gochuutti kan jiran dhaabbileef namootni dhuunfaan kam iyyuu gochaa alseerawaa isaanii kanarraa akka isaan of qusatan Qulqulluun Sinoodoosiin jabeessee yaadachiisaa , kun yoo hinta’in , barbaachisummaa seeraan akka raawwatamuuf Qulqulluun Sinoodoosiin murteesseera.

6. Hooggantoonni hojii sadarkaa sadarkaan jiran mana kiristaanittii: Haayyotiin Mana kiristaanaa , Manoksoonni , Luboonni tajaajiltoonni , dargaggoonni mana barumsa dilbataa , waldaaleen hafuurawoon garaagaraa Mana kiristaanittii fi amantoonnii gochaa alseerawaa kana ittisuunii fi nageenyummaa Mana kiristaanaa keessanii eeguun dabalataan , gochaa alseerawaa kanaaf dhaabbilee fi namoota dhuunfaa deeggarsa garaagaraa taasisaniif hordoffiif to’annoo barbaachisaa taasisuun , hojii ittisaa keessan akka ba’aattaniif Qulqulluun Sinoodoosiin murteesseera.

7.Maqaa Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa , fuulduraanis ta’e dugduubaan itti dabaluunii fi hir’isuun , gariinis ta’e guutuunis gargaaramuu ; aasxaashee , teessooshee , meeshaalee qulqullaa’oo waaqeffannaa fi sirna ishee ittiin raawwattuu fi uffatawwanshee ; akkasumas , kitaabasheen tajaajilamuu akka isaan hindandeenye ta’uunsaa beekamee , dhimma kana , qaamonni mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran hordofanii akkasaan raawwataniif Qulqulluun Sinoodoosiin kan murteesse yoo ta’u , dabalataanis , namoota dhuunfaa fi dhaabbilee  murtoo kanarra darbanii argaman irratti , hordoffii seeraa barbaachisaa ta’erra hordofuun biyya keessattis ta’e biyyoota  alaatti kan raawwachiisu ogeeyyii seeraa idil-addunyaas ta’aan sadarkaa biyyaa ramaduun , waan barbaachisaa ta’e hundi karaa Waajjira Mana Lubummaa Teessoo Phaatiraarikiidhaa akkanni raawwatamuuf , Qulqulluun Sinoodoosiin murteesseera.

8. Rakkoo amma mudate ilaalchisee , qorannoo naqaa qabanii fi yaada furmaataa kan dhiyeessu Koreen Ol-aanaan tokko Sinoodoosii Dhaabbiitiin akka moggaafamu Qulqulluun Sinoodoosiin murteesseera.

Murtoo Yaa’ii Guutuun Qulqulluun Sinoodoosiin murteesse Kabajamoo Ministeera Muummee MFDRI irraa jalqabee , hooggantoota hojii mootummaa sadarkaa sadarkaan jiraniif waltajjiilee qabsiisa hubannaan akka isaan raawwatamanii fi murtoon kun xalayaa geggeessituu wajjin akka isaan qaqqabu murteeffameera.

10.Murtoo Yaa’ii Guutuu Qulqulluu Sinoodoosii kana biyya keessaa fi kutaalee biyyoota alaa keessatti kan argaman tajaajiltoota Mana kiristaanittiitii fi amantootaaf , waltajjiileen warraaqsa qabsiisa hubannaa akkasaan taasifamanii fi sadarkaa biyyaatti , wiirtuutti hooggantoonni hojii biyya lallabaa bakka isaan argamanitti waltajjii warraaqsaa guddaa fi hubannaan akka taasifamuuf , Qulqulluun Sinoodoosiin murteesseera.

11.Dhaabbileen mootummaa fi mit-mootummaa ta’aan biyya keessaa fi biyya alaatti argaman , Manneen kiristaanaa obboleewwanii , Manneen kiristaanaa Oortodooksii warra Bahaa , Manni kiristaanaa Kaatolikiinii fi manneen kiristaanaa biroonis ; Manni Maree Manneen Kiristaanaa Addunyaa , Yaa’iin Manneen Kiristaanaa Guutummaa Afiriikaa fi Yaa’iiwwan Manneen kiristaanaa fi amantaa hundi , namoota dhuunfaa magganfaman kanneen , Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa kan bakka hin buunee fi hariiroo hojii kam iyyuu kan hinqabne ta’uunsaanii beekamee , hariiroo kam iyyuu maqaa mana kiristaanittiin akkasaan hintaasifne barreeffamaan akka ibsamuuf Qulqulluun Sinoodoosiin murteesseera.

12.Odeeffannoo dogoggoraa namootiin kunniin kennan keessaa gochaan hammeessaa isaanii , gaaffii uummata Oromoo akka ta’eetti fakkeessuu yoo ta’u , gochaan kun , amantaasaa kan jaal’atu , abbootasaa kan kabajuu fi qalbeeffataa kan ta’e uummata Oromoo bakka hin bu’u , dheebuu aangoo isaanii ba’aachuuf cabiinsa qannoonaa alseerawaa isaan taasisan ta’uunsaa akka beekamu ; dabalataanis , jette-jettee oduu dharaa raabsaniif deebiin malu akka itti kennamuuf Qulqulluun Sinoodoosiin murteesseera ;

Amma yeroo ammaatti , sababii rakkoo uumameef , Qulqulleetti Mana kiristaanaa cina dhaabachuudhaan qooddattummaa keessan kan agarsiiftan , kabajamuu tokkummaaf birmadummaa Mana kiristaanaatiif ga’ee gama keessanii ba’aachuun ibsa kan laattan mara  maqaa Waaqayyo guddaatiin isin galateeffachaa , gara fuuladuraafis kadhannaa keessaniinii fi qooddattummaa gaarii keessaniin cina keenya akka dhaabattaniif Qulqulluun Sinoodoosiin waamichasaa isiniif dabarsa.

Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaarraa

Qulqulluu Sinoodoosii

Guyyaa , A.L.I Amajji 18 , 2015

Finfinnee , Itiyoophiyaa

 

No comments:

Post a Comment

Labsiin Ajjeechaan Kan Ittiin Darbe Ibsa Muummicha Ministeeraa

Muummichi ministeeraa naanna'aa dhimmoota nagaaf amantaa irratti ibsa isaan kennan jedhamee , A.L.I Amajjii 23 ,  2015 miidiyaalee mootu...