1.1. Muummichi
ministeeraa haasaa isaaniitiin mudama phaaphaasotaa seera mana kiristaanaan
alatti raawwatame akkuma raawwattoonni jedhan bu'uura gaaffii uummata Oromoon
kan taasifamedha yommuu jedhan , walfudhannaa kaayyoo agarsiisuu caalaattuu ,
gochicha seera qabeessa taasisuuf yaalaniiru.
1.2. Mootota
garaagaraa duraaniitiin phaaphaasonnii fi keessumattuu phaatiraarikoonni
moototan ; boodas , filannoo fi mudama mootummaaleen akkasaan mudamaa turan
caqasuun , manni kiristaanittii sirna mudamaa tokkoyyuu akkasheen hin qabaatin
turte ; sanuu , giddu seentummaa mootummaalee mirkaneessanii , deebii Qulqulluu
Sinoodoosiidhaa siyaasa saboominaa wajjin walitti fiduuf yaaluu isaanii ,
seenessa falmisiisaa sobaa manni kiristaanitti akkasheen kan hundumaa hin taane
ka'u kan cimsu dha.
1.3. Abboonni Tigiraayiin jiran afaan ofii isaaniin
tajaajilamaa yommuu isaan mana kiristaanaa baaneerra jedhan utuu deebiin
tokkoyyuu hin laatamin , gaaffii Oromoon ka'uuf mirmir jechuun kun hundumtuu ,
dhimmichi haala adda ta'een gaaffii uummata Oromootiif deebii tokkoyyuu kennuu
dhiisuuf kan taasifame fakkeessanii dhiyeessaniiru.
1.4. Kabajamoo muummicha ministeeraa , mana
kiristaanaa waggoottan kuma lamaaf utuu afaaniif sanyiin hin qoodin wal
unachiiftee jiraatte rakkoo siyaasi sanyiidhaa dhaleef sababa taasisanii
dhiyeessuun , qaamota mana kiristaanaa bal'eessuuf seenessa walfalmisiisaa sobaa
dhiyeessan irraa adda ba'ee hin ilaalamu. Kanarrayyuu , rakkoon amma mana
kiristaanaa keessatti uumame siyaasa mootummaan geggeessuu kan qiyyaafata
sanyii qabu kufaatiisaaf agarsiiftuu ta'uusaadha kan inni agarsiisu. Yoo dhibe
, mootummaan dhaabbilee amantaa kanarraa eeguudhaaf gumaacha barbaachisaa
gochuun utuu isaaf maluu , gama kaaniin , guyyoota muraasaa asitti akkuma
mul'atu mootummaan muummicha ministeeraa uumtuu fi geggessituu rakkoo sanaa
ta'uusaa kan agarsiisu dha.
2. Odeeffannoowwan
Bifa Maqeen Dhiyeessuun Hubannaan Dogoggoraa Akka Jiraatu Taasisuu
2.1. Garaagarummaa
abbootii mana kiristaanaa kanaan dura ture dhiphoomsuuf oolmaa taasisan
caqasanii kutaa ibsan keessatti , phaaphaasonni haaraan ala turan aankii
phaaphaasummaa dura turerra amma ga'aanitti mana kiristaanaa keessa kan turan
ta'uusaaniitiin , araarichaan warra duraan turanii wajjin miseensota
sinoodoosii akkasaan ta'aan taasifamuusaa ibsaniiru. Garaagarummaasaa hamma
tokko kaasuuf garuu , mudamni biyya alaa kan inni raawwatame geggeessummaa
Phaatiraarikii Eebbifamoo fi Qulqulluu Abune Marqooriyoosiinidha malee , qaama
alseerawaa ofii isaa phaatiraarikii taasisee mudeen miti.
2.2. "Mudamarratti
loogiin jira , mirgi heera mootummaadhaa hin eegamne gaaffilee jedhantu dhufe ,
gorsinee hindhaga'aamne. Oromiyaa keessatti afaaniinan baradha yommuu jedhu ,
lakki si hin barbaachisu jechuu hindandeenyu." jechuudhaan , manni
kiristaanittii akka waan isheen Afaan Oromoonis ta'e afaanota biroon akkasheen
tajaajila kennuutti hinjirreetti fi tajaajiluma kanas guddisuuf akka waan
isheen hin qophoofneetti fakkeessuun ibsuuf yaalaniiru. Haala taateewwan lamaan
homaa waan wal hin argine ta'aanii utuu jiranii ta'e jedhanii odeeffannoo
dogoggoraa kennuun ; keessumattuu , gaaffii dhalattoota Oromoon dhiyaate yommuu
ta'u deebiin addaa akka waan kennameefitti fakkeessuun bifa saboominaa
kennuufii fi mana kiristaanittii ceepha'uuf yaalaniiru.
2.3. Qulqulluun Sinoodoosiin warreen mudama
alseerawaa raawwatanii fi qaamota irratti hirmaatan maggansuusaa , gama sirna
mana kiristaanaan utuu hin ta'in , bifa biraa qabsiisuuf yaadi isaan kaasan kan
biraan , kutaa kaabaan wal-waraansa turetti fufee phaaphaasonni Tigiraayiin
jiran mana kiristaanaarraa adda baaneerra yommuu jedhan Qulqulluun
Sinoodoosiinis ta'e qaamonni mana kiristaanaa biroon , homaayyuu akkasaan hin
dubbanne ibsaniiru. Wantichoo , akka jecha faranjootaa isa , “It is like
comparing apples and oranges.” jedhamuu dha. Sababnisaas : -
·
"Addaan baaneerra" jedhan malee , phaatiraarikiis ,
phaaphaasotas hin muudne. Yoo barumsa shakkii ta'e malee , manni kiristaanaa
gochaa karaa alseerawaa malee , sababii haasaa qofaan nama hin maggansitu.
·
Waraana tureen dhumaatiin Oortodooksota Tigiraayirratti
raawwatame ammayyuu dubbatamee hin xumuramne. Kan gamsoominaan dubbatamee fi
gochaa raawwatame kaayyo qoqqooduu qabatanii kan ka'aan warra sobdootaa wajjin
waldargomsiisuun , goolii biyyattii keessatti raawwatame ammayyuu hin hubanne
jechisiisa.
·
Abboonni kaabaa jiran dhiibbaa siyaasaa ittiin , 'Adda
baaneerra' jiraachuu akkanni danda'u utuu beekamuu fi rakkinichi nageenyi
argamuu wajjin ofumasaan akkanni hiikamu utuma beekamuu , biyya 'bilisummaan'
jirutti gochaa alseerawaa , uummataaf biyya qoqqoodu qaamota raawwatanii wajjin
waldorgomsiisuun , barbaachisaa miti.
·
Kanumaa wajjin , walitti
qabanii , mootummaan kun Mana kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoof araara
nageenyaarraa jalqabee , deeggarsa addaa taasisaa turuusaa ibsaniiru. Kanaafis
agarsiiftuu tokko kan isaan taasisan , mootummaan isaanii , qabiyyeesheen
bulchiinsa finfinneerraa qabduuf isaan muraasa qofaaf gochaa mirkaneessa
qabiyyee lafaa taasise , dhaabbilee amantii biroof kan taasifame kennaa lafaa
haaraa haaraa wajjin birqabeessuun , Manni kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo
, dhaabbilee amantii warra kaanii kan caaluun kennaa lafaa akka waan isheen
argatteetti dhiyeessuu isaanii. Odeeffannoon
kun utuma dhugaa ta'ee iyyuu , qabiyyee lafaa mana kiristaanaa finfinnee ala
jiru butachuu , buqqaatiif ajjeefamuu Oortodooksotaa utuu hin kaasin bira
darbuun , seenessa walfalmisiisaa sobaa dhugaa fakkaatu afarsuu dha.
3. Dhaaba
Amantaa Mirga Namoominaa Qabdu Seerasheen Alatti Qaamota Alseerawoo Ofiisaanii
Mudanii Wajjin Qixxee Kaa'uu
3.1. Muummeen
ministeeraa haasawaa isaaniitiin Qulqulluu Sinoodoosii Mana Kiristaan seera
qabeessa ta'ee fi namoota dhuunfaa(gurmuu) karaa alseerawaan mudaman akka
qaamota seera qabeeyyiitti yommuu waldorgomsiisan dhaga'aamu. Kunis : -
·
Dhaabbi'ee Seeraqabeeyyii duraan turaniif bu'uura seera
qabeessummaa kan diige dha ,
·
Qulqulluun Sinoodoosiin qaama alseerawaa kanaa wajjin akka
teessumaan dubbatuuf dhiibbaa bulchuuf giddu seentummaa mul'ataa mootummaan
muummee ministeeraa itti adeemaa jiru sochiisaa kan agarsiisu dha.
·
Har'a , lamaan isaanii
iyyuu rakkoo isaanii dubbii teessumaan fixuu kan jedhu faaneffannaan , gareen
alseerawaan kun kanatti fufuunis biyyoota lallabaa irratti saammii fi weerara
gurmaa'ina mana kiristaanittii irratti alseerawaan kun raawwatuuf ,
"Qaamonni lachan" waliigalanii haa hiikani kan jedhuun deebii
seeraqabeessa ta'e deebisuurraa of-eeggachuuf mijeessuu dha.
·
Sanuu , teessumaan mariin fixuun , gareen alseerawaan sun mudama
sirnamaleessanni taasise Qulqulluun Sinoodoosiin akka fudhatu bifa fakkaatuun ,
araara nageenyaa abbootaa duraan tureen phaaphaasota mudaman Qulqulluun
Sinoodiin akkanni fudhate kaasaniiru. Dhimmichi akkuma jedhame , “It is like
comparing apples and oranges.” dha.
4.
Haqaa fi da'oo seera qabeessummaa doqnuu fi gara
fuulduraafis , kanaaf akka hin qophoofne haasaa akeeku dha.
·
Akkuma bartee ta'e rakkoo biyya keessatti
raawwatamu hundaaf mootummaan ittigaafatamummaa kam iyyuu akka hinqabne bifa
baratameen ibsaniiru. Ofgamaaggamuunii fi rakkoo amanuun , dhaabbata mootummaa
rakkoo hiikuuf fedha qaburraa kan eegamu dha.
·
Muummeen
ministeeraa , 'Qaamota lachan gidduu' akka gidduu hin seenne cimsanii
dubbataniiru. Garuu ammoo , yaadonni ibsa isaaniin kaasan hundumtuu karaa
alseerawaa ta'een qaamonni walmuudan dhimmootaaf seenessa falmisiisaa isaan
akka sababaatti dhiyeessanii wajjin walsimataa ta'uusaa , hirmaannaa mootummaa
isaaniin jiru ifatti kan agarsiisu dha. Kun , dhugaarraa kan fagaate , kan ija
qulumsee fi soba nama tilmaamsisu dha. Eegumsa mana lubummaaf ture kan kaase ,
phaaphaasota dabalatee kineessaa fi hidhaa kan jiru , qabeenya mana kiristaanaa
kan cabsisiisu eenyu dha? Mootummaa nuti hinbeekne kan biraatu jira moo? kan
nama jechisiisu dha. Dhimmichi garuu , olitti akkuma ilaalle , gurmuun
alseerawaan kun , eegumsaaf deeggarsa mootummoota naannoleen ittifufiinsaanis
biyyoota lallabaatti manneen kiristaanaa daangessituurraa jalqabee , mana
lubummaa aanaarraa amma biyya lallabaatti gurmaa'insa mana kiristaanaa jiran
hunda akka barbaadanitti , gochaa humnaan fudhachuu , da'aannaa kennuufiinii fi
gaaffii haqa argachuu manni kiristaanittii kaaftu , "Lachan isaanii iyyuu
waliigalanii haa hiikani" adeemsa haqadhabeessa jedhuun bira darbuuf akka
isaan dandeessisuuf ta'uunsaa amanamaa dha.
·
Qulqulluu Phaatiraarikiirraa jalqabee abboonnii
fi qaamonni mana kiristaanaa , mootummaan akkanni ittigaafatamummaa seera
kabachiisuusaa akka ba'aatu jechaa kan isaan isatti waawwatan , biyyattiin
mootummaa haqaan hojjetu qabdi jedhanii ti. Kabajamoo muummee ministeeraa , mee
, akka isaan gara biyya lallabaa isaanii hin seennee fi mana kiristaanaa
maallaqa amantootaatiin isaan Jimmaatti ijaarsisan akka hin eebbisiifneef kan
dhorkaman Eerpoortii Jimmaatti hidhamanii gara Finfinneetti deebi'uuf kan
dirqisiifaman abbaa maanguddoo Eebbifamoo Abune Isxifaanoosiin gaafadhaa.
5.
Sosso'iina Oortodooksotaa waa'ee haqaaf taasifamu
hunda dhibamuu nageenyaa fi kanumaanis , amma humnaan mootummaa fenqelchuu
wajjinis akka lakka'aamu ibsuu isaanii ,
- Oortodooksonni , rakkoo kana ilaalchisee , sanyiif afaaniin utuu adda hinba'in sagaleesaan kallattii hundumaan dhageessisaa jiran jijjiirraa mootummaatiif sosso'ina taasifamu fakkeessuudhaa fi dandeettii sosso'ina akkasii to'achuu danda'u akka qaban bifa sodaachisuutiin dubbataniiru. Kabajamoo muummee ministeeraa , "Mootii waggaa kumaa , garuu , harka keessan mana kiristaanaarraa kaasaa" dha sagaleen mana kiristaanaa , abbootaa , amantootaa.
- Abboonnii fi qaamonni mana kiristaanaa , gidduseentummaan mootummaadhaa , biyyattii gara goolii hinbarbaachifneetti geessuu danda'a yaaddoo isaanii jedhu kan isaan ibsan , amma akkuma agarru , mootummaan sagalee amantootaa ukkaamsuu fi fedhiisaa raawwachuuf akkanni humna gargaaramu hubachuuni dha. Garuu ammoo , aarsaa kaffalchiisus , miidhamni mana kiristaanaarra ga'aa jiru , callisuun kan bira darbamu kan hin taane akka ta'e ifaa dha.
Kanaafidha amantoonni bakkuma bakkaa , "Amantaa duunuuf
malee , saba duunuuf hinqabnu" dhaadannoo jedhu qabatanii kan isaan
mul'ataniif. Sagalee amantootaatiif mootummaan qawwee utuu hinta'in yoo gurra
isaa kenne , rakkinicha hiikuun , kabajamoon muummeen ministeeraa akka jettan
'Salphaa' ta'uu baatus , saaqaa karra nageenyaa dha.
6.
Muummeen ministeeraa , rakkoo uumame hiikuuf
salphaa akka ta'e himuu isaanii.
Goolii biyyattiin amma keessa jirtuuf wantoota taasisan
keessaatii tokko , rakkoolee jaboo akka injijjiitti lakkaa'uurraa kan madde
dha. Mana kiristaanaa uummata amantaanii fi hawwaasummaan waliinfiroomsitee
jiraachifte sanyii fi afaaniin addaan qooduuf gochaan taasifamu , 'Salphaadha'
jedhanii darbuun , yookiin rakkinicha hubachuu dhabuu , yookiin rakkinichi akka
hiikamuuf hanqina fedha dhabuu kan akeeku dha. Yookiin , rakkoo hirmaannaa
kallattii mootummaan keessaa qabuu fi deeggarsa qaamolee alseerawoof deeggarsa
laatamu haguuguuf yaalii taasifamu dha.
7. Rakkoo dhaabbilee amantaa garaagaraa keessatti uumamuuf rakkoo qofiinsa dhaabbilee sanaa taasisanii gidduseentummaa mootummaa haaluun , dhaabbileen amantaa akka rakkoo keessa hin seenneef siyaasarraa , hannarraa , sanyiirraa bilisa ta'uu akkasaan qaban muummeen ministeerichaa hubachiisaniiru. Gorsa ba'eessa dha. Mootummaan harkasaa mana kiristaanaarraa kaasnaan , rakkoon hundumtuu irraa caba. Rakkoolee sadan iyyuu baroota garaagaraatti kan mana kiristaanaa keessa galche mootummaa dha. Kan isaan duraa waan darbeef , gumaacha mootummaa muummicha ministeeraa agarsiistuunsaa
- Paastaroonni badhaadhinaa tokko tokko kan muummicha ministeeraa deeggaran yommuu isaan mana kiristaanitti sababa booddeetti hafummaa taasisanii ittigaafatamtuu goolii siyaasaa fi diinagdee biyyattii akka isheen taatetti taasisanii yommuu isaan dubbatan callisuun bira darbuu
- Waliigala jiraachuu seera qabeessummaa mana kiristaanittii , qaama alseerawaa wajjin qixxeessanii ilaaluu
- Dursamee akkuma ibsame , qaamota alseerawoo toora siyaasaatiin mana kiristaanittii sanyiin qoqqooduuf yaalan ifatti deeggaruu
- Haasawaa haarra taasisaniin dabalatee , manni kiristaanaa akka waan isheen akka namoonni afaan isaaniin hinbaranne dhiibdutti kan fakkeessu haasaa gooliinsa xuqatu taasisuu isaanii.
Gudunfaa
Haasawaan muummicha ministeeraa , cufti isaayyuu kan rakkoo
furu utuu hinta'in , rakkoo amma uumame irratti kan beenzila firfirsee fi
haasawaa itti gaafatamummaa jalaa nama hin oolchine dha. Rakkinichaaf furmaanni
nageenyaa akka dhufuuf mootummaan gidduseentummaa isaa dhiisee ,
- Mana kiristaanittii fi haleellaa caasa qabeessa tajaajiltoota isheerra ga'u dhaabsisuu
- Yaada bilisaan ibsachuu lammiilee heera mootummaawaa ta'e kabajuu fi gaaffilee isaan kaasaniif gurra kennuun, mootummaa biyya geggeessuu fi geggeessaarraa gochaa eegamu dha.
No comments:
Post a Comment