Saturday, January 28, 2023

 Maqaa Abbaa , Maqaa Ilmaa , Maqaa Hafuura Qulqulluu , Sadan Waaqa Tokkoo , Ameen.

Ibsa Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaarraa Kenname

Qulqulluun Sinoodoosii Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoon Itiyoophiyaan Hafuurri Qulqulluun isa geggeessu , Kitaaba Haqaa Hafuurawaan ; akkasumas , Seera Mana Kiristaanaa keeyyata 19 muraa lakk. 3 dhimmi hatattamaaf akka tasaa yommuu mudatu yaa’ii guutuudhaa akkanni taasisu bu’uura seeraan tumameen , A.L.I Amajji guyyaa gaafa 18 , 2015 Yaa’ii Guutuu hatattamaa taasiseen , Cabiinsa wayitawaa: amantaa , qannoonaa , fi bulchiinsaa ilaalchisee murtiilee dabarseera.

Manni Kiristaanaa qulqulleettiin durummaa qabdu , kan duuka bu’uummaa , kan idil-addunyaa taate uummataaf alagoota , namaaf ergamoota , uumamaaf uumaa , caalaattuu , garaagarummaa namaaf Waaqayyo gidduu jiru bal’eessee , ilmaan namootaa hundumaa: afaaniin , bifaan , gosaan utuu addaan hinqoodin tokkummaatiin qabeenya Ilmaa (Kennaa ayyaanaa Iccitiiwwan mana kiristaanaa torbaniin kennamu) fi maqaa kiristaanummaa argatanii jilba Hafuura Qulqulluu keessaa , gadameessa Yoordaanos keessaa kan dhalatan , bishaan cinaachasaa keessaan kan cuuphaman ijoollee mana kiristaanaa akkasaan ta’aaniif , garaagarummaa kan hin qabne mootummaa Waaqayyoo ishee kan barabaraa akka dhaalaniif dhiiga Kiristoosiin kan hundoofte Qulqulleettiin Mana Kiristaanaa , qorumsa baradhufee darbu isheerratti ka’aan mara dabartee bara keenya geessee tti.

Yoomayyuu , haala kitaabilee qulqullaa’oo irraas ta’e barumsa amantaa Oortodooksiirraa raawwatee adda ta’een Mana kiristaanaa gosaaf afaaniin adeemsi gargar baasuu sadarkaa idil-addunyaatti waan hoodaa ta’us , Manni kiristaanaa gama amala amantaaf hafuurummaa isheerraa kan adda ta’een , seenaaf sirnashee kan hin gitneen , seera hafuurawaarraa , seera uumamaa fi seera qalbii keessaa bifa ba’een haleellaan isheerra ga’ee fi gochi Fonqolcha Sinoodoosii daran ishee gaddisiiseera.

Qulqulleettiin Mana kiristaanaa seenaa ishee keessatti: tokkummaa biyyaatiif , haqaaf , ogummaaf , hidhatiinsa uummataaf , guddina hawwaasummaaf , fayyaaf , naamusa gaariif hundeef utubaa ; utubaaf shereeraa taatee sadarkaa idil-addunyaatti kan sodaatamte , kan kabajamtee fi kan jaal’atamte ; sonaaleen ishee fi kuufamni qabeenyi beekumsashee rogeeyyiitiin kan beekame , barumsa addunyaa keessatti utuu hin hafin kan bocame ; haayyotii dhugaatiin kan dhugeeffame , hambaaleen ishee kan isheef galma’aan yoo taatu ;

Dhiyeenya kanatti , ofiima isheetii kan isaan mudde biyya keessaa fi biyya alaatti ergama duuka bu’uummaa ol-aanaa akka ba’aataniif dureewwan phaaphaasotaa imaanaan isaanitti kennameen , bu’uura amantaa , qannoonaa amantaawaa , sirna bulchiinsaa mara karaa cabseen , guddinaaf bulchiinsa hawwaasaa keessatti uummataa wajjin kan dhaabatte , siyaasarraa walaba kan taate , dhaabbilee hafuurawaa fi uummatawaa ta’aan ganuun gochaa  alseerummaa ol-aanaa ta’e , gochaa dhaabbatittii jigsuu fi caasaashee diiguudhaa raawwatameera.

Bu’uuruma kanaan : -

A.L.I guyyaa gaafa Amajji 14 , 2015 Biyya Lallabaa Kibba Lixa Shawwaa , aanaa Sooddoo Daaxuu , magaalaa Waliisoo keessaa achi ba’ee kan argamu Mana Kiristaanaa Haroo Baalawaldii keessatti kan raawwatame baay’ee kan gaddisiisuu fi fafsiisaa al-sinoodoosii kan ta’e , cabiinsa alseerawaa qannoonaa mana kiristaanaa ilaalchisee , Qulqulluun Sinoodoosiin geggeessummaa Hafuura Qulqulluutiin yaa’ii guutuu hatattamaa taasiseera ;

Qulqulluun Sinoodoosiinis , biyya keessaa fi biyya alaa kan jiran biyyi lallabaa marri ; yaa’iin bulchiinsa mana lubummaa muummee teessoo phaatiraarikii ; yaa’iin haayyotii , qajeelchaan tajaajila seeraa , tokkummaan dargaggootaaf manneen barnoota dilbataa idil-addunyaa fi sadarkaa biyyaa , waldaaleen hafuurawoon , gamtaan amantootaa fi tajaajiltootaa , Oortodooksonni marri xalayaatiin , miidiyaa fi yaada gorsa isaan qaamaan kennanii fi ibsa ejjannoorraan ka’uun ;

Michoonni QUlqulleettii Mana kiristaanaa biyya keessaaf biyya alaa jiran ; keessumattuu , Qulqulluun Sinoodoosiin Mana Kiristaanaa Oortodooksii Koptikii Iskindiriyaa Gibx , Phaatiraarikii seera qabeessaan alatti mudama taasifamu akka hinfudhannee fi beekamtii akka hin laanne ibsa ejjannoo erganiin , Manni Kiristaanaa Oortodooksiin Tawaahidoo Eertiraan , Manni Kiristaanaa Oortodooksiin Maalaankaaraan Hindii fi Manneen Kiristaanaa Obboleewwan Oortodooksiin isaan biroonis , Manni Maree Manneen Kiristaanaa Idil-addunyaan , Dhaabbileen Hafuurawoon Idil-addunyaan , Dhaabbileen Tola-oltummaa fi Misoomaa Qooddatoon ; gochicha maggansuun , kan hinfudhanne ta’uusaa ibsa erguudhaan qooddattummaa agarsiisaniin ;

Dursee akkuma ibsame Qulqulleettiin Mana kiristaanaa yeroo itti dhiiga Kiristoosiin hundooftee jalqabee , yeroo isheen qorumsa malee jiraatte akkanni hin jirre kitaabileen qulqullaa’oonii fi galmeewwan seenaa yoo dhugaa ba’aan , bara Duuka Bu’ootaa obboloonni soboon , bara haayyotii shakkitoonni garaagaraan , .  .  . yeroo yerootti ka’uun ishee qoraa turaniiru. Ammas , ifatti akkuma mul’atu , alaanis keessaanis qacareeyyii gurma’aaniin qoramuurratti argamti.

Kanaafis , A.L.I guyyaa gaafa Amajji 14 , 2015 Biyya Lallabaa Kibba Lixa Shawwaa , aanaa Sooddoo Daaxuu , Mana Kiristaanaa Haroo Baalawaldii keessatti dura bu’uummaa Abbaa Saawiiroosiin fafsiisaa , alseerawaa , cabiinsi qannoonaa Mana kiristaanaa daran gaddisiisaa Al-sinoodoosii ta’e isa tokko yoo ta’u ; dura bu’uummaa Abbaa Saawiiroosiin cabiinsi qannoonaan Mana Kiristaanaa raawwatame , manoksoota 26 mudama qannoonaa keessaa ba’e kennuu isaaniitiinii fi biyyoota lallabaa Hangafoonni Phaaphaasotaa geggeessanitti karaa seeraan ala ta’een ramaduun cabiinsa qannoonaa Mana kiristaanaarra darbee amantaa kan qoqqoodu ; tokkummaa biyyaa kan qaqaawwiseessuu fi kan diigu , amantoota amantootaa wajjin , luboota lubootaa wajjin , haayyotii haayyotaa wajjin , dargaggeessa dargaggeessaa wajjin . . . kan walitti buusuu fi kan dhiiga dhangalaasisu , nageenya kan booressu ta’uusaa Qulqulluun Sinoodoosiin hubateera ; kana waan ta’eef ,

-Olitti akkuma ibsame , Duuka Bu’ootni Qaleemanxoos sadaffaa isaanii irratti , keewwata digdamii shanaffaarratti , “Ephisqoophoosonni koonyaa hundumaa keessa jiran dureen isaanii eenyuunuu akka ta’e beekuu qabu. Duree isa haa taasisan ; fedhasaa malee hojii xixiqqoos gurguddaas homaa waayyuu hin hojjetin ; innis , lammatas utuu ephisqoophoosonni hin heeyyamin hojii babba’eessa hin hojjetin , yoo isa xixiqqaa hojjete gatiin irra hin jiru.  Hundumtuu akka gorsa yaada garaa tokkootti , akka dubbataa sagalee tokkoo ta’aanii , tokkummaatiin haa jiraatani” jedhanii murteessaniiru. Qaamonni alseerawoon kunniin , qannoonaa Duuka Bu’ootaa kana haquu isaaniitiin.

-Lammatas , keewwata afurtamii afuraffaarratti , “Dureen Phaaphaasiin (Phaatiraarikiin) ephisqoophoosonni biyyota irratti mudaman irratti hojiisaan hojjetan , ajajasaan ajajan haa qoratu. Hojii hin malle hojjetanii , ajaja hin malle ajajanii yoo arge , jijjiiree ajaja isaaf mul’ifame haa ajaju. Inni , hundumaaf abbaa mudama isaaniidhaatii ; isaanis , ijoollee isaadhaatii. . . .” jedheera. Sirna mudamaa kana qannoona maleessa kana namoonni dhuunfaan raawwatan , karaa alseerawaa fuulleematti birmadummaa aangoo Sinoodoosii fi mirga Qulqulluu Phaatiraarikii cabsuu isaanii.

Mudama lubummaa ilaalchisee , “Akka Aaroniin kan Waaqayyoon waamamerraan kan hafe , eenyuyyuu , ofiisaaf kabaja kan fudhatu hin jiru” (Ibr. 5:4)  akkuma jedhu sagaleen Waaqayyoo , daaqunummaarraa jalqabee amma phaatiraarikiitti mudamni jiru jalqaba Waaqayyorraa waamamuusaa kan gaafatu yoo ta’u , muudamtootaaf , filattootaa fi filchiistotaaf iyyuu haa hafuutii qannoonaa mana kiristaanaan kan murtaa’e , ulaagaa kitaaba qulqullaawaa kan qabu ta’uunsaa , hundumaaf ifaa dha. Kanas , Qulqulluun Phaawuloos ergaasaa barreesse irratti bal’inaan ibseera. (1Ximo. 3:10 , Tiitoo 1:5-7 , Haqa Hafuurawaa Keewwata 4)

-Kanas , Duuka Bu’oonni Qulqulloonni mudama ephisqoophoosotaa ilaalchisee Qalemanxoos sadaffaarratti , “Ephisqoophoosiin , namoonni biyyasii , phaaphaasiin biyyasii heeyyamaniifii haa mudamu ; argamnaan sadii , argamuu baannaan ephisqoophoosota lama ta’aanii haa mudaniin” jedheera. Kunis , biyya Qulqulluun Sinoodoosiin hinjirretti , yommuu Phaatiraarikiin hin jirretti akka amantoonni hinbittinnoofneef jedhamee kan taasifamudha malee , Abbaa Teessummaa Phaatiraarikiitiin kan Hafuura Qulqulluutiin geggeessu aangoo birmaddummaa Qulqulluu Sinoodoosii dhiibuun kan raawwatamu taanaan garuu , qannoonaa kana gochaa alseerummaan raawwatameef caqasuun , Wangeela Qulqulluu irratti , Gooftaan keenya , Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos akkuma nu barsiise , jecha arrabsoo  Hafuura Qulqulluu irratti akka dubbachuutti lakka’aamee , cubbuu hin haqamne ta’uunsaa jala muramuu qaba. (Maat. 12:30-32 Luq. 12:10 , Maarq. 3:28-29 1Ximo. 1:13) Gochaan namoota kanaa , hojiirra kan jiru , seera qabeessa Hafuura Qulqulluutiin kan geggeeffamu fonqolchuu , Caasaa Mana Kiristaanaa guddoo jigsuu , gochaa dhaabbata seera qabeessa diiguu ; yookiin , jigsuu ta’uusaatiin , Qulqulluu Sinoodoosiin magganfamaniiru.

-Abboonni dhibba sadiif kudha sadiis , mudama ephisqoophoosummaa ilaalchisee , qannoonaa Niiqiyaatti katabaniin , keewwata salgaffaarratti , inni tokko isa kaaniin ephisqoophoosummaa muduuf yoo fedhe , namoonni biyyasii yoo heeyyamaniif , phaaphaasiin biyyasii yoo hin heeyyamaniif , ephisqoophoosummaa muduun isaaf hin ta’u ; kana diigee yoo argame , Sinoodoosiin inmaggansa , mudamisaas in hafa” jedheera. Kunis , tibba kana , qannoonaa Mana kiristaanaan alatti , Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Oortodooksii Tawaahidoo durummaa qabdu , kan duuka bu’uummaa , kan biyyaalettii fi kan idil-addunyaa taate aangoo birmaddummaa Qulqulluu Sinoodoosii seena qabeessa ta’e dhiibuun ijajabinaan mudamni raawwatameera kan jedhame dursee abboottan qulqullootaan kan magganfame dha ;

-Kanumaa wajjin yommuu mudamni ephisqoophoosotaa raawwatamutti , eeyyama Qulqulluu Phaatiraarikii malee , eenyuyyuu gara masaraa mootummaa akkanni deemuuf qannoonaan Mana kiristaanaa hin heeyyamu. Kanarra kan darbe yoo jiraate phaaphaasiirraa fi ephisqoophoosota keessaa eenyuyyuu eenyu dureen phaaphaasotaa utuu isaaf hin heeyyamin gara mana mootii hindhaqin , kan ajaja kana diige Qulqulluun Sinoodoosiin isa maggansa” jedhamee waan murtaa’eef , har’as , murtoo Qulqulluu Sinoodoosii fi Qulqulluu Phaatiraarikiin alatti sochiin kam iyyuu ta’u alseerawaa ta’uusaatiin , Qulqulluu Sinoodoosiin magganfameera.

-Qannoonaa Mana kiristaanaan , namni hunduu aankiisaa eeggatee haa jiraatu malee , inni tokko gara aankii isa kaaniitti hindarbin ; sirna nuti tumne kana nama diige , Sinoodoosichi inmaggansa jedhamee bu’uura barreeffameen , qaamonni alseerawoon kunniin , Qulqulluu Sinoodoosiitiin magganfamaniiru.

-Seera Mana Kiristaanaa keewwata 16 muraa lakk. 30 irratti , ephisqoophoosota muduun barbaachisaa ta’ee yommuu argamu , bu’uura qannoonaa mana kiristaanaatiin akka isaan fo’amanii fi mudamaniif aangoon murteessuudhaa , kan Qulqulluu Sinoodoosii ta’uusaa , kutaa seeromsu kan cabse ta’uusaatiin ;

Seera Mana kiristaanaa keewwata 37 muraa lakk. 1 irratti , filmaanni ephisqoophoosotaa kan inni raawwatamu , mudamuun ephisqoophoosummaan barbaachisaa ta’uunsaa yaa’ii guutuu Qulqulluu Sinoodoosiitiin yommuu itti amanamuu fi yommuu murtaa’u qofaa kan raawwatamuu fi seeromuusaa ;

Seera Mana kiristaanaa keewwata 18 muraa lakk. 5 irratti dureen phaaphaasiin(ephisqoophoosiin)  seerawwaniif qannoonaa amantaa mana kiristaanaa faallomsu miseensummaarraa akka haqamu seeromuu isaatiin , Qulqulluun Sinoodoosiin isaan magganseera.

Walumaagalatti , gochaan alseerawaan raawwatame , madaaltoo seera namaanis ta’e seera Waaqayyootiin kan magganfame , bu’uura amantiirraa kan adda ta’e , qannoonaa abbootaan , seera mana kiristaanaatiinii fi bulchiinsa mana kiristaanaan , waliigalatti , kan fudhatamummaa hin qabne dha. Kanaafuu ,

1ffaa. Bu’uura Kitaaba Haqaa Keewwata 5 muraa keewwataa 138 tiin , A.L.I guyyaa gaafa Amajji 14 , 2015 Biyya Lallabaa Kibba Lixa Shawwaa , aanaa Sooddoo Daaxuu , Mana Kiristaanaa Haroo Baalawaldii keessatti

1ffaa. Abbaa Saawiroos

2ffaa. Abbaa Eewosxaatewoos

3ffaa. Abbaa Zeenaa Maariqoos qannoonaa Mana kiristaanaa cabsuun , aangoo isaaniif hin kennamneen ephisqoophoosota 26 muudneerra , Sinoodoosii hundeessineerra jechuun , miidiyaalee hawwaasaa irrattii fi miidiyaalee biroodkaastiitiin ibsa laataniin , kan mirkanaa’e ta’uusaatiin , gochaama isaanii kanaan uummata kiristaanaa biyya keessaaf biyya alaa jiraatu goyomsuun gochaa ganiinsaaf shakkiinsaa raawwachuu isaaniitiin , Qulqulluun Sinoodoosiin Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa Hafuura Qulqulluutiin hoogganamu maggansee ; Mana Kiristaanaarraa kan isaaniif kenname daaqunummaarraa jalqabee aangoo lubummaa guutuu jiru haquun , maggansee isaan baaseera.

Kana waan ta’eef : -

A.Taayitaan lubummaa isaanii fi maqaan aankii isaanii murtoo guutuu yaa’ii Qulqulluu Sinoodoosiitiin kan ka’e waan ta’eef , A.L.I guyyaa gaafa Amajji 18 , 2015 irraa jalqabee maqaa addunyaawaa isaanii duraaniitiin akkasaan waamaman ;

B.Naanna’aa tajaajila hafuurawaa mana kiristaanaattis , jireenyaanis ta’e du’aan tajaajila hafuurawaa kam iyyuu akka isaan hin arganneef Qulqulluun Sinoodoosiin maggansee tokkummaa mana kiristaanaarraa gargar isaan baaseera.

C.Namoota dhuunfaa yaa’iin guutuu Qulqulluu Sinoodoosiin maggansee isaan baase kana biyyoota lallabaa isaan geggeessaa turan tajaajila hafuurawaa raawwachuun biyya lallabichaa kan hoogganan abbootii eebbifamoo ,

1.Biyya Lallabaa Kibba Lixa Shawwaa

2. Biyyoota Lallabaa: Keeniyaa , Ugaandaa , Taanzaaniyaa fi Ruwaandaa

3.Biyya Lallabaa Iluu Abbaabooraa Fi Bunnoo Beddellee

4. Biyya Lallabaa Kaaba Ameerikaatti Meeniisootaa Fi Naanna’aasaa

5.Biyya Lallabaa Godinaalee: Gujii , Lixa Gujii fi Boorana Liiban

6.Kawaalaa Miskaayee Hizuunaan Madaani’aalemiif

Hangafoonni Phaaphasotaa abbummaatiin hoogganan akka isaan ramadamaniif guutuun yaa’ii Qulqulluu Sinoodoosii murteesseera.

Haa ta’u malee , olitti namootni dhuunfaan maqaan caqasamanii magganfaman , cabiinsa qannoonaa hojjetaniif gaabbanii yoo dhiifama gaafatan , balbaloonni araaraa Qulqulleettii Mana Kiristaanaa yeroo mara banaa ta’uusaanii fi bu’uura qannoonaa mana kiristaanaatiin kan isaan simannu ta’uusaa Qulqulluun Sinoodoosiin nii beeksisa.

2. Birmadummaa Qulqulluu Sinoodoosii fi Mana Kiristaanaa sarbuunii fi qannoonaa Mana kiristaanaa cabsuun gama namoota dhuunfaa kaka’aaniin mudama ephisqoophoosummaa arganneerra ; mudamneerra jechuutti kan jiran manoksoonni 25 karaa alseerawaan qannoonaa mana kiristaanaa cabsuun kan argaman waan ta’eef , dursee mana kiristaanaarraa kan isaaniif kenname taayitaan guutuun daaqunummaarraa jalqabee , guutuu yaa’ii Qulqulluu Sinoodoosiitiin magganfamanii adda baafamaniiru.

3. Namoota dhuunfaa kana keessaatii tokko kan ta’aan Abbaan Tsegga’aab Addunyaan walga’ii hatattamaa Yaa’ii Guutuu Qulqulluu Sinoodoosiin dura cabiinsa qannoonaa fi gochaa alseerawaa kana hubachuunii fi gaabbuun , gochicha mormuun bu’uura isaan iyyannoo mana kiristaanittiif dhiyeessaniin , Qulqulluun Sinoodoosiin dhiifamicha kan isaaniif fudhate yoo ta’u , akkuma isaanii olitti kan magganfaman namootiin dhuunfaan 25 cabiinsa qannoonaa hojjetaniif yoo gaabbanii dhiifama gaafatan , balbaloonni araaraa Qulqulleettii Mana Kiristaanaa yeroo hundaa banaa ta’uusaanii fi bu’uura qannoonaa Mana kiristaanaatiin kan isaan simannu ta’uu keenya ibsina.

4.Farrummaa Mana Kiristaanaa kanaanii fi gochaa alqannoonawaa ta’e kanaan biyya keessas ta’e biyya alaa jiraachaa , kallattiinis ta’e alkallattiitiin ; yookiin , bakkichatti argamuun tumsituu balleessaa gochichaa kan ta’aan Mana Lubummaa Muummee Teessoo Phaatiraarikiirraa amma Mana kiristaanaa daangessituutti hojjettoota jiran ilaalchisee , Waajjirri Barreessaan Mana Lubummaa Teessoo Phaatiraarikiidhaa hordoffii barbaachisaa fi murtoo bulchiinsaa akka kennu ;

5. Gochaa alseerawaa fi cabiinsa qannoonaa kana kan seenaan haa hafu hinjennee: yaadaan , maallaqaanii fi haala biraa kamiinuu deeggarsa gochaa kan turanii fi gochuutti kan jiran dhaabbileef namootni dhuunfaan kam iyyuu gochaa alseerawaa isaanii kanarraa akka isaan of qusatan Qulqulluun Sinoodoosiin jabeessee yaadachiisaa , kun yoo hinta’in , barbaachisummaa seeraan akka raawwatamuuf Qulqulluun Sinoodoosiin murteesseera.

6. Hooggantoonni hojii sadarkaa sadarkaan jiran mana kiristaanittii: Haayyotiin Mana kiristaanaa , Manoksoonni , Luboonni tajaajiltoonni , dargaggoonni mana barumsa dilbataa , waldaaleen hafuurawoon garaagaraa Mana kiristaanittii fi amantoonnii gochaa alseerawaa kana ittisuunii fi nageenyummaa Mana kiristaanaa keessanii eeguun dabalataan , gochaa alseerawaa kanaaf dhaabbilee fi namoota dhuunfaa deeggarsa garaagaraa taasisaniif hordoffiif to’annoo barbaachisaa taasisuun , hojii ittisaa keessan akka ba’aattaniif Qulqulluun Sinoodoosiin murteesseera.

7.Maqaa Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa , fuulduraanis ta’e dugduubaan itti dabaluunii fi hir’isuun , gariinis ta’e guutuunis gargaaramuu ; aasxaashee , teessooshee , meeshaalee qulqullaa’oo waaqeffannaa fi sirna ishee ittiin raawwattuu fi uffatawwanshee ; akkasumas , kitaabasheen tajaajilamuu akka isaan hindandeenye ta’uunsaa beekamee , dhimma kana , qaamonni mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran hordofanii akkasaan raawwataniif Qulqulluun Sinoodoosiin kan murteesse yoo ta’u , dabalataanis , namoota dhuunfaa fi dhaabbilee  murtoo kanarra darbanii argaman irratti , hordoffii seeraa barbaachisaa ta’erra hordofuun biyya keessattis ta’e biyyoota  alaatti kan raawwachiisu ogeeyyii seeraa idil-addunyaas ta’aan sadarkaa biyyaa ramaduun , waan barbaachisaa ta’e hundi karaa Waajjira Mana Lubummaa Teessoo Phaatiraarikiidhaa akkanni raawwatamuuf , Qulqulluun Sinoodoosiin murteesseera.

8. Rakkoo amma mudate ilaalchisee , qorannoo naqaa qabanii fi yaada furmaataa kan dhiyeessu Koreen Ol-aanaan tokko Sinoodoosii Dhaabbiitiin akka moggaafamu Qulqulluun Sinoodoosiin murteesseera.

Murtoo Yaa’ii Guutuun Qulqulluun Sinoodoosiin murteesse Kabajamoo Ministeera Muummee MFDRI irraa jalqabee , hooggantoota hojii mootummaa sadarkaa sadarkaan jiraniif waltajjiilee qabsiisa hubannaan akka isaan raawwatamanii fi murtoon kun xalayaa geggeessituu wajjin akka isaan qaqqabu murteeffameera.

10.Murtoo Yaa’ii Guutuu Qulqulluu Sinoodoosii kana biyya keessaa fi kutaalee biyyoota alaa keessatti kan argaman tajaajiltoota Mana kiristaanittiitii fi amantootaaf , waltajjiileen warraaqsa qabsiisa hubannaa akkasaan taasifamanii fi sadarkaa biyyaatti , wiirtuutti hooggantoonni hojii biyya lallabaa bakka isaan argamanitti waltajjii warraaqsaa guddaa fi hubannaan akka taasifamuuf , Qulqulluun Sinoodoosiin murteesseera.

11.Dhaabbileen mootummaa fi mit-mootummaa ta’aan biyya keessaa fi biyya alaatti argaman , Manneen kiristaanaa obboleewwanii , Manneen kiristaanaa Oortodooksii warra Bahaa , Manni kiristaanaa Kaatolikiinii fi manneen kiristaanaa biroonis ; Manni Maree Manneen Kiristaanaa Addunyaa , Yaa’iin Manneen Kiristaanaa Guutummaa Afiriikaa fi Yaa’iiwwan Manneen kiristaanaa fi amantaa hundi , namoota dhuunfaa magganfaman kanneen , Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa kan bakka hin buunee fi hariiroo hojii kam iyyuu kan hinqabne ta’uunsaanii beekamee , hariiroo kam iyyuu maqaa mana kiristaanittiin akkasaan hintaasifne barreeffamaan akka ibsamuuf Qulqulluun Sinoodoosiin murteesseera.

12.Odeeffannoo dogoggoraa namootiin kunniin kennan keessaa gochaan hammeessaa isaanii , gaaffii uummata Oromoo akka ta’eetti fakkeessuu yoo ta’u , gochaan kun , amantaasaa kan jaal’atu , abbootasaa kan kabajuu fi qalbeeffataa kan ta’e uummata Oromoo bakka hin bu’u , dheebuu aangoo isaanii ba’aachuuf cabiinsa qannoonaa alseerawaa isaan taasisan ta’uunsaa akka beekamu ; dabalataanis , jette-jettee oduu dharaa raabsaniif deebiin malu akka itti kennamuuf Qulqulluun Sinoodoosiin murteesseera ;

Amma yeroo ammaatti , sababii rakkoo uumameef , Qulqulleetti Mana kiristaanaa cina dhaabachuudhaan qooddattummaa keessan kan agarsiiftan , kabajamuu tokkummaaf birmadummaa Mana kiristaanaatiif ga’ee gama keessanii ba’aachuun ibsa kan laattan mara  maqaa Waaqayyo guddaatiin isin galateeffachaa , gara fuuladuraafis kadhannaa keessaniinii fi qooddattummaa gaarii keessaniin cina keenya akka dhaabattaniif Qulqulluun Sinoodoosiin waamichasaa isiniif dabarsa.

Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaarraa

Qulqulluu Sinoodoosii

Guyyaa , A.L.I Amajji 18 , 2015

Finfinnee , Itiyoophiyaa

 

Friday, January 27, 2023

Harka Dhokataa Badhaadhinaa Fuulleetti Ba'aa Jiru Bunnoo Beddelleetti

Bulchiinsi Godina Bunnoo Beddellee Obbo Amaan Dannuu , Ittigaafatamaan Waajjira Biiroo Obbo Araggaa Shagguxee , Hangafoonni Lubootaa aanichaa Malaaka Biraan , Luba Ayyaalew Neggaa fi Luba Indaalew Kabbadee waajjiratti waamanii biyya lallaba Bunnoo Beddelleef nama ramadame (Alseerummaan kan mudaman) kan Qulqulluu Sinoodoosiin magganfaman fudhachuu akkasaan qaban , kanaafis dargaggoota Pirotestaantotaa fi Musiliimotaa gurmeessanii , kanaafis amma Jimmaatti tajaajila geejibaa akka mijeessan hubachiisanii , sodaachisaa wajjin isaaniif erganiiru.

Obbo Amaan Dannuu
Obbo Araggaa Shagguxee



Oduu Ammee

Guutummaan Qulqulluu Sinodosii mudtotaa fi muudamtoota al-serawoo magganse.

Qulqulluun Sinodosii ituu hinbeekinii fi irratti hin mariyatin fedhii dhunfaa isanitiin kaka’anii Phphasota muudneerra jechuudhaan ibsa kan kennan angafooti Phaphasii sadaniif seera mana Kiristanaa ituu beekanii muudama kana Ameen jedhanii kan fudhatan maganesee mana Kiristanaarra adda baaseera.
Qulqulluun Sinodosiitiin ituu hinmurta’in dubbi fixaa ta’anii mana Kiristanaa qooduudhaaf shira kan xaxan Phaphasoti sadan gara qalbiisaniitti deebi’anii dhiifama gaafatanii hanga gara mana Kiristanaatti deebi’anitti tokkummaa mana Kiristanaarra adda ba’aniiru. Haala walfakkatuun seera mana Kiristanaatiin alatti muudama Phaphasummaa harka lafa jalaan argachuuf kan hawwan muudamtooti al-seerawoo maggansaan akka adda ba’an guutummaan Qulqulluu Sinodosii murteeseera.




Mootummaan Badhaadhinaa , Garee Alseerawaaf Deeggarsasaa Cimsee Itti Fufeera.

Kantiibaan Magaalaa Gimbii Daagiim Malaakuun , Fuula Sabaahimalee Hawwaasaa isaanii irratti Afaan Oromoon akka ibsanitti yoo ta'e ,

"Qabsoon Oromoo gama hundaan milkiitti jira. Qulqulluun Abune Saawuroos Phaatiraarikii Waldaa Kiristaabaa Oortodooksii kan jalqabaa ta'uun muudamaniiru. Uummati kun amantii ofii geggeeffachuuf , afaan ofiif waaqeffachuuf mirga uumaan isaaf kenne qaba. Uummatni Oromoo martuu , addatti ammoo hordoftoonni amantii kiristaanaa Oortodooksii hundi keessan baga gammaddan." jechuudhaan , mudama phaaphaasummaa alseerummaa deeggaranii ergaa baga gammaddanii kan dabarsan yoo ta'u , Gammachiis Dabalaan (Itti gaafatamaan Ijaarsa Siyaasaa Baadiyaa Paartii Badhaadhinaa Godinichaa) barreeffama kantiibichaa Laayikii gochuun , miiltoo sochichaa ta'uusaanii agarsiisaniiru.
Oduu kanumaan walqabatuun , mootummaan badhaadhinaa kun mirga amantoonni odeeffannoo argachuu ukkaamsuuf naannolee Oromiyaa kan akka Gimbiifaa irratti , tajaajilli Neetoorkii akkanni addaan citu taasisuunsaa beekameera. Kunis , itti fufiinsaan akka murtoon Sinoodoosii hojiirra hin oollee fi garee alseerawaa bifa garaagaraan deeggaruuf kutannoo qabaachuusaaf agarsiiftuudha.




Maandisoota Mudama Phaaphaasummaa Alseerawaa

Siyaasni sanyii biyya keenyatti leellisuun erga jalqabameetii waggoottan kurnan sadan tokko lakka'aamaniiru. Adeemsa dheeraa kana keessatti humnoonni finxaaleeyyiin qiyyaafata jalqabaa isaanii dhaabbilee isaanii taasisan keessaatii isheen tokkoof ijoon , Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo ta'uunshee , haqa ifatti mul'atu dha.



Akka agarsiiftuutti , marata isaanii maratanii abboonni luboonni tajaajilaaf socho'an akka abbaa amantaatti utuu hinta'in , akka dabballeetti akkasaan lakka'aamaniif , akkas jechaa hojii cilaattessuu hojjetaa turaniiru , "Dabballeen mataa adii , biyya keenyarraa badi" fi kkf jechuudhaan , amantoota garraamii amanticha keessaa yaasuuf dhagaasaan hinfonqolchine hinjiru.
Keessumattuu , ilaalcha isaanii siyaasaa tarkaanfachiisuuf kan isaaniif mijatuu fi qoccolleessa hacuucaaf hacuucamaa isaanii kan fudhatan amantoonni Wallagga Bahaa , Wallagga Lixaa fi gurmeessa ammaan Wallaggaa Horro Guduruun isaan caqasamani dha. Ta'us garuu , qixa isaan yaadaniin sakaalamanii , amantii isaanii gad-dhiisanii shakkituu yookiin musiliima hintaane. Siyaasistoonni kanaan nyakkisan , ergama isaanii raawwachuudhaaf kan isaan dandeessisu loote seentota calalachuun siyaasa isaaniin isaan cuuphani. Erga amanuu isaanii mirkaneeffatanii booda akka isaan amanamaniif dirqama isaaniif laataniiru. Isaan calalamanii ba'aan keessaatii tokko kan ta'e Waasihuun Amanuu yoo ta'u , namni dhuunfaan kun , amantaasaa caalaa sanyiisaaf nama hongocaa'u , Naarsisii , Yeeyyii gogaa Hoolaa uffatee amma Mana Kiristaanaa hiruuf , phaaphaasonni alseerawoon akkasaan mudamaniif A.L.I 1986 irraa jalqabee , kan inni qabsa'aa ture , homaa beekumsa utuu hin qabaatin karaa alseerawaatiin akkasaan phaaphaasummaa mudamaniif keessummattuu moloksoota lama kan malaanmale , nama dhuunfaa farra Oortodooksii fi Itiyoophiyaa kan ta'e dha.
Siyaastonni kan isaan fedhan fedha biyyarraa qoodamuu , gama Mana kiristaanaa tiin milkeessuun indanda'aama jedhee kan amanu Waasihuun Amanuun , milkaa'insa kaayyoo isaatii kanaaf , beekumsarraa bilisa kan ta'aan , kanneen rakkoo Ikkoonoomii fi rakkoo naamusa gaarii qaban kan caasaa Mana kiristaanaa keessa jiran lubootaaf daaqunoota calalafachuun gama dadhabina isaaniitiin isaanitti seenaa , nama dhuunfaa kaayyoo seexanummaasaatiif fayyadamu dha. Mootummaan , uummati biyyattii loqoda afaan isaanii ittiin hiikkataniin akka barataniif sababii himaammata baasuu isaatiin , amantoonni Wallagga Lixaa jiran qiddaasee dhaggeeffatanii ameen jechuu dadhabuu isaanii kan hubate D/n Daani'eel Kabaa kaka'umsa ofii isaaniin ka'aanii amma qaddasan jedhee qajeelinaan yaaduun qiddaasee hiikee yommuu isaaniif kennu , yaada namaa hatuunii fi mankaraaressummaa siyaasaa isaaniin kan beekaman namni Mitikkuu Takkolaa jedhaman (Utuma dubbannuuyyuu , namni kun , "Oromoo Fi Oortodooksii" kitaaba jedhu barreessee , Amantaan Oortodooksiin Tawaahidoo amantii waaqeffannaa aadaa wajjin qixxeessuuf kan carraaqe , sanyoomaa maqaaf luba ofiin jedhudha) Wajjin ta'un , Qiddaasee Afaan Oromoo kan D/n Daani'eel Kabaa hiike qarshii ittisaaf to'annaa HIV Eedsiirraa saameen maxxansee raabsuun kan beekamu hattuu qabeenya sammuuti. Nama kanadha egaa Mana Kiristaanaa garlamatti qooduuf carraaqaa kan turee fi miira yerichi kan keenyadha jedhuunii fi maal na dhibdeen muuddootaaf mudamoo alseerawoo wajjin suuraa ka'uudhaan galma siyaasaa addaan cituusaa milkeesseera kan jedhuun hafuurri xura'aan jinniin kan isa bubbutudha. Ittideebina ...




Thursday, January 26, 2023

 Godina Wallaggaa lixaa teessoo Papasii mana lubummaa Oromiyaa gochuudhaaf mana Kiristiyanaa Qulqulettii Mariyaamii Sariitiitti qophee isaanii raawataniiru. Sambat duraa dhuftu muudamtootaaf simannaa taasisuuf ajaja abuna Rufa'eeliin waxabajjii 21 kabaja Ayyana Giiftii keenya Mariyaamii irrtti mudama isaanii labsuudhaaf qopheetti jiru. dargagoota dursanii ijaaran farfannaa akka qua'atan taasisaniiru. kaanaafis bulchiinsi naanichaa hayamaa fi eegumsa akka gudhuuf beekuun danda'ameera. Abbaan Rufa'eel badii  amantoota Goddina Wallagaa lixaa irratti raawatan itti deebina. #  Mana Kiristanaa tokkitti. 



Biyyi lalabaa Sidamaa Aangoo lububumma D/n Malase mulqe

Mana Kiristanaa Yirga caffee Qulqulettii KIdanemihiretii tajajilaa kan ture;tibbana muudama Papasotaa seraan alaa gegeefame sirridha jedhanii namoota fudhatan keessaa tokko waan ta'eef Biyyi lalabichaa angoon lubummaan isaa akka qabamu murteeseera.



Wednesday, January 25, 2023

Oduu Ammee

Mootummaatiin , KoreenJaarsummaaf Jedhu Hundaa'e

****************************************************
Gama sirna Mana kiristaanaa cabsuun phaaphaasota mudama seeraan alaa irratti hirmaatan nan araarsa jechuudhaan mootummaan Fonqolcha Sinoodoosii dursee akeeke raawwachuuf akka isa gargaaruuf jaarsummaadhaaf koree dhaabe. Miseensonni korichaas , D/n Daani'eel Kibirat , Dr. Abirihaam /Ministeera Ittisaa/ , Abune Rufaa'eel , Luba Balaay Makonnin , Abbaa Walda Iyyasuus /Abbaa Hitsaan/ ta'uunsaanii mirkaneeffameera.



Tuesday, January 24, 2023

Teessoo Warra Ga'iisanii Fi Gorsa Jal'ootaa

 Adda dureeyyiin Fonqolcha Sinoodoosiidhaa yaa'ii ariifachiisaa Qulqulluu Sinoodoosii bor calqabu irratti yoo hin argamnu taanee fi dhimmichi irradubbannaan hin xumuramu taanaan , phaatiraarikii ofii keenyaa muudna ergaa doorsisa jedhu , karaa mootummaa isaaniitiin erguutti jiru. 

Al-seertota dabalataa jaalalli mudamaa isaan tabeesses , "Muduuf" qophiirra jiraachuun isaanii barameera. Dhiphuu oorisaaf eessa geessaa kana hundumaa kan dhales , ofii isaaniin utuu hinta'in , garee dhokataan kan geggeeffaman ta'uusaanii kan hubachiisu dha. Inumaa garuu , warri Waaqayyoo wajjin wal lolan inbullaa'u malee injifachuu hindanda'aani. Ga'ee ofii ba'aachuun garuu dagatamuu hinqabu.



Oduu Ammee

Geggeessaan Fonqolcha Sinoodoosii , Mootummaan ofiimasaa ta'uusaa ibse

Dureewwan Phaaphaasotaa sadan harka taasifatee mudama phaaphaasummaa seeraan alaa kan kennisiisee fi Fonqolcha Sinoodoosii taasisuuf carraaqaa kan jiru Mootummaan Badhaadhinaa , Poolisoota eegumsa Mana Lubummaa kaaseera.
Yeroo ammaa ammoo , Dureewwan Phaaphaasotaa sadan mudama phaaphaasummaa kennaa turan Yaa'ii Qulqulluu Sinoodoosii guyyaa borii irratti akkasaan argamaniif dirqisiisuuf humnootii tikaa bobbaaseera.
Humnootiin tikaas , gara bakka jireenyaa Qulqulluu Phaatiraarikiitti seenanii kana akkasaan godhaniif ajaja dabarsanis , Qulqulluun Abbaan keenya , utuun lubbuun jiruu ta'uu hindanda'u jedhanii ejjannoo isaanii jala muramaa jara beeksisaniiru.
Yeroo ammaa , Manni Lubummaa , naanna'aansaa Poolisii Federaalaan weerarameera. Kunis , barreessaan diraamichaa fi ogeessi , mootummaama mataa isaa ta'uusaa dhugaa mirkaneessu dha.




Oduu Ammee

 "Mootummaan ittigaafatamummaasaa Mana Kiristaanaa fi abboota eeguu yoo hin ba'aatin , nuti ijoolleen isaanii eeguudhaaf qophoofneerra ; qophii ga'aas taasisneerra."



Ibsa waliinii Waldaaleef Gamtaalee Hafuurawaa
Har’a Galgala Amajjii 16 Waldaan Qulqullootaan , Gamtaan Barattoota Dilbataa Sadarkaa Biyyaa , Gamtaan Amantootaa , Gamtaan Pheexiroosotaa Eegsistoota Kabajaaf Mirga Mana Kiristaanaa , Gamtaan Waldaalee Dargaggootaaf Ga'eessotaa waliin dhimma tibbanaa Mana Kiristaanaa irratti ibsa kennaniiru.
Ibsicharrattis , bakka bu'ootni waldaalee , gama taatee seena qabeessa Qulqulleettii Mana Kiristaanaa mudateen , yeroo kamiyyuu caalaa , tibba nuti kabajaaf olaantummaa Mana Kiristaanaa itti eegsisnuu fi abboota keenya bira dhaabannu ta'uusaatiin , gamtaan itti mari'annee , kallattii keenyeerra jedhaniiru.
Waldaa Qulqullootaa bakka bu'anii kan argaman Liqe Tiguhaan Lubni Mulgeetaa Siyyum ibsicharratti akkuma dubbatan , olaantummaa Qulqulluu Sinoodoosiin kan tuffate tajaajila duuka bu'uummaa borii kan gufachiise waan ta'eef , abboonni keenya murtoo kana giddugaleeffate akka isaan murteessaniif gaafanna jechuun ibsaniiru. Ittidabalaniis , mootummaan akka adeemsa kanarraa harka fudhatu ; caalaattuu , eegumsa dirqamasaa ta'e akkanni hin kaafne , kun ta'uu baannaan garuu , Oortodooksonni amma wareegamummaatti baraaruuf kan amanamanii dha jedhaniiru. Amantoonnis utuu hin na'in kadhannaatti akkasaan tattaafatanii fi hubannaa walfakkaataa akka isaan qabaataniifis , waamicha dabarsaniiru.
Mootummaa wajjinis itti fufiinsaan rakkinicha akkanni hubatuu fi rakkooshee ofiisheen akkasheen hiikkattuuf carraan akka isheef kennamuufiif waliin mari'achuu isaanii ibsuun , nageenyummaa lammiilee yoo hin eegin garuu , itti gaafatamummaa jalaa hin oolu jechuun ibsaniiru. Kan tokko nu taasise gochichi alseerummaa ta'uusaa fi biyyaaf mana kiristaanaa kan jigsu ta'uusaanidha kan jedhan ammoo , bakka bu'aa Gamtaa Barattoota Dilbataa Sadarkaa Biyya Obbo Yaareed Yoonaasi dha. Rakkinicha maggansuurra darbee , waan nurraa eegamu gochuuf qophoofneerra ; tokkoon tokkoo caasaa keenyaanis hojiilee hojjechuudhaaf waliin dubbanneerra jedhaniiru.
Bakka Buutuu Amantootaa kan ta'aan Aadde Eelsaabeex Amdeen gama isaaniitiin , marichi yaadaaf laphee tokkoon raawwatamuusaa ibsanii , Qulqulluun Sinoodoosiin sarbameera , abboonni sarbamaniiru ; kanaafuu , manni kiristaanaa rakkoosheen keessa jirtu keessaa ishee baasuuf hundi keenya gara kuteenyaan kaaneerra. Marii isaaniitiinis , dhimma mana kiristaanaa akka mariif hindhiyeessine jabeessanii dubbataniiru.
Kan Qulqulleettii Mana kiristaanaa keenyarrattii fi abbootarratti aggaamame deebisuuf waamichaaf qajeelfama abboota keenyarratti hundoofnee deemuuf hirbuu galleerra kan jedhan ammoo , bakka bu'aa Gamtaan Pheexiroosotaa Eegsistoota Kabajaaf Mirga Mana Kiristaanaa Obbo Ayyaalneh Tashoomee dha. Itti dabalaniis , dhimmi jiraachuun waliigalaa kun dhimma biyya diiguu ta'uusaatiin , qophii taasifneerra jedhaniiru.
Bakka buutuu Gamtaan Waldaalee Dargaggootaaf Ga'eessotaa Aadde Feevan Zari'uun gama isaaniitiin , marii har'a taasifneen , hundumti keenya gara Mana Kiristaanaa akka gorruu fi kan ga'ee isaanii ba'aachuuf , eegaa akka jiran ibsaniiru. Haala tibbanaa Mana kiristaanaa ilaalchisee walga'ii Qulqulluu Sinoodoosii irratti argamanii hubachiisuuf qophii xumuruu isaaniis ibsa isaanii irratti ibsaniiru.
Barreessaan Ol-aanaan Qulqulluu Sinoodoosii fi Hoji-geggeessaan Mana Lubummaa Muummee mootummaan eegumsa taasisu kaaseera jechuun , har'a galgala ibsa baasuun isaanii in yaadatama.

 Qannoonaa Mana Kiristaanaa fi Qulqulluu Sinoodoosii sarbuun gaafa 14/05/2015 , miseensi gartuun , "Ephisqoophoosota muudneerra" jedhe , guyyaa gaafa har'aa (Amajjii 16/05/2015) naannoo Ashawwaa Meedaa namoota murta'oo wajjin mari'ataa tureera. Guyyaa boriis , gartuun al-seeraa kun Galma Aadaa Oromootti akka walga'u kan beekame yoo ta'u , phaaphaasota Ji'aa samiirraa biyyoota lallabaa itti ramadan hoji geggeessitoota dabalatee mudamaaf ramaddii garaagaraa gochuuf kan akeeke ta'uusaa odeeffannoon nu ga'eera.




Fonqolcha Phaatiraarikii Daa'imaa Dhufee Ji'a Amajjiin Ta'e

Sinoodoosii onkolooleessa 2015 booda , phaaphaasonni sadan , dhimmicharratti aanga'oonni badhaadhinaa tokko tokko harka keessaa qaban Luba Balaayii wajjin qaamonni sosochoostuu Mana Lubummaa Oromiyaa wajjin turan tokko tokko mooraa Mana Lubummaa Muummee keessatti kan argamu mana jireenyaa Abune Eewosxaaxiyoos keessatti walga'aanii mariyachaa turan. Dhimmicha irrajireessaan kan geggeessaa ture , dhaadhessaa Mana Lubummaa Oromiyaa kan turee fi Liqe Aayilaaf Luba Balaay Makonnin waliin ta'uun gara haadhakoo mana kiristaanaatti deebi'eera jedhee kan ture Waasihuun Amanuu ta'uunsaa maddeen odeeffannoo keenyaa nuuf ibsaniiru.
Taasistoonni fonqolcha Phaatiraarikii , keessumattuu Sadaasa guyyaa gaafa 17 , 2015 irraa jalqabee , amma Sadaasa guyyaa gaafa 21 , 2015tti guyyaa guutuu walga'aanii oolaa kan turan yoo ta'u , Sadaasa guyyaa gaafa 21 naanna'aa sa'aatii 11:00tti , Mana Lubummaa Muummee keessaa ba'aanii bakka hinmamsiisne tokkotti hundeessaa ABO , harka mirgaa muummee ministeeraa kan ta'e , dhuunfaatti dorgomee miseensa mana maree bakka bu'oota uummataa kan ta'e Diimaa Naga'oo wajjin dhimma maaliirratti akka mari'atan beekamuu baatus , mari’achuu isaanii maddeen keenya dabalanii nuuf ibsaniiru.
Eebbifamoo Fi Qulqulluun Abune Maatiyaas wal'aansa fayyaaf yommuu isaan biyyaa ba'aan , karaa qinda'aameen tsillaatii hatanii ba'uuf akkasaan yaalii taasisanii fi gochaan kun yommuu fashalaa'u akka Abune Saawiiroos isaan duukaa deeman kan inni taasifames kaayyoon , yeroo yeroottis waan isaan taasisanii fi isaan kamii wajjin akkasaan wal argan , maal akkasaan hojjetan hordofuu fi sababa kalaqanii biyyaa ba'aanii akkasaan hafan gochuuf ta'us , Phaatiraarikii godaansuun waan hinmilkoofneef , Amajjii 14 gochaa dalagame gara raawwachuutti akkasaan ce'an beekuuf danda'aameera.
Miseensonni badhaadhina Oromoo , kan ABO , kan KFO , bakka Eebbifamoon Abune Saawiiroos jiranitti irradeddeebiin dhoksaan mari'achaa kan isaan turanis , Eebbifamoo Abune Saawiiroosiin phaatiraarikii gochuuf utuu hinta'in , kaayyoo keessaniif deeggartuu hin ta'u jechuu isaaniitiin , amma ajjeechaatti phaatiraarikii dursaa phaaphaasii isaanitti dhaadatamaa jiru muudsisuuf qofaa utuu hinta'in , seera mana kiristaanaa fooyyeessanii akka isaaniif mijatutti seera namni kam iyyuu ittiin phaaphaasii ta'uu danda'u kaa'uuf ta'us , kan walga'iicharratti hirmaate hundi yoo irratti waliigalu , Da'iitaa Ministeera Nageenyaa kan ta'aan Obbo Taayyeen Danda'aan qofti , "Manni Kiristaanaa Oortodooksiin Tawaahidoon Itiyoophiyaa maal nugoote? Dhiisaa waan kun nu hin baasu" jechuudhaan , akkasaan dubbatanis beekuun danda'aameera.
Gareen dhokataan irradeddeebiin mari'ataa ture , Sadaasa guyyaa gaafa 21 akkuma yeroo kaanii geggeessummaa Dr. Abun Eewoosxaaxiyoosiin gara Dr. Diimaa Naga'oo sokkuu isaaniin dura , waa'ee Abune Abirihaamiin goojjamittii kana jaal'attes jibbites Mana Lubummaa Muummeerraa buqqifnee ishee ganna , ani dooktarummaakoo baradhee , phaaphaasiin Ingiliffaa haasa'uu hindandeenye nugeggeessaa , Abune Isxifaanos ejjennoo hinqabdu ishee sodaachifnee tumsituu kaayyoo keenyaa ishee taasifna , sirbituu ximboo Naatinaa'eelittii kanammoo yoo isheen kaayyoo keenya hinfudhatin , ishee dhabamsiifna , Rufaa'eelittiinoo nu duukaa jirti jechuun , dhaadachaa akkasaan turan beekuun danda'aameera.
Sadaasa guyyaa gaafa 21 Diimaa Naga'oo wajjin qaamni mari'ate , guyyaa sadaffaa isaatti gaafa 24 , 2015 , qooda fudhattoota kan isaaniin jedhan aanga'oota badhaadhinaa Oromoo , namoota dhuunfaa dhageettummaa qaban , hooggantoota ABO fi KFO'n walitti qabiinsa Abune Saawiiroosiin Hoteela Iskaay Laayititti marii taasisuu isaaniis maddeen keenya nuuf ibsaniiru. Mudamni phaaphaasota sadaniinuu taasifame deeggarsa mootummaa kan qabu ta'uusaaf agarsiiftuun biraan , bulchaan naannichaa Shimallis Abdiisaan mudamicha akkanni duree phaaphaasotaa amansiisu taasisuun dabalataan , anis oortodooksiin ture , waa tokko tokko naa mijachuu dinnaanan ba'eetan malee jechuudhaan hojii simsiisuu akkanni hojjetuuf kan ittigaafatamummaa fudhatee fi Mana Lubummaa Oromiyaas maallaqaan deeggaraa akkanni ture beekamaa dha. Shimallis Abdiisaa qofaa utuu hinta'in , yeroo ammaa kana waan mootummaa wajjin wal lole fakkaatee kan biyyaa ba'e Dinquun Dayyaas , gamoo tokko guutuu kennuunsaa kan beekamu dha.
Obbo Leencoo fi Obbo Galaasaan leenjiisaan kennan tokkoon Eebbifamoon Abune Saawiiroos Adaamaatti Hoteela Aayyuu Internaashinaaliin isaaniif qabamee , guyyaa sadiif sadoossaa(dhaadataa) turuun isaanii beekamuu danda'eera.

Labsiin Ajjeechaan Kan Ittiin Darbe Ibsa Muummicha Ministeeraa

Muummichi ministeeraa naanna'aa dhimmoota nagaaf amantaa irratti ibsa isaan kennan jedhamee , A.L.I Amajjii 23 ,  2015 miidiyaalee mootu...