Tuesday, January 24, 2023

Oduu Ammee

 "Mootummaan ittigaafatamummaasaa Mana Kiristaanaa fi abboota eeguu yoo hin ba'aatin , nuti ijoolleen isaanii eeguudhaaf qophoofneerra ; qophii ga'aas taasisneerra."



Ibsa waliinii Waldaaleef Gamtaalee Hafuurawaa
Har’a Galgala Amajjii 16 Waldaan Qulqullootaan , Gamtaan Barattoota Dilbataa Sadarkaa Biyyaa , Gamtaan Amantootaa , Gamtaan Pheexiroosotaa Eegsistoota Kabajaaf Mirga Mana Kiristaanaa , Gamtaan Waldaalee Dargaggootaaf Ga'eessotaa waliin dhimma tibbanaa Mana Kiristaanaa irratti ibsa kennaniiru.
Ibsicharrattis , bakka bu'ootni waldaalee , gama taatee seena qabeessa Qulqulleettii Mana Kiristaanaa mudateen , yeroo kamiyyuu caalaa , tibba nuti kabajaaf olaantummaa Mana Kiristaanaa itti eegsisnuu fi abboota keenya bira dhaabannu ta'uusaatiin , gamtaan itti mari'annee , kallattii keenyeerra jedhaniiru.
Waldaa Qulqullootaa bakka bu'anii kan argaman Liqe Tiguhaan Lubni Mulgeetaa Siyyum ibsicharratti akkuma dubbatan , olaantummaa Qulqulluu Sinoodoosiin kan tuffate tajaajila duuka bu'uummaa borii kan gufachiise waan ta'eef , abboonni keenya murtoo kana giddugaleeffate akka isaan murteessaniif gaafanna jechuun ibsaniiru. Ittidabalaniis , mootummaan akka adeemsa kanarraa harka fudhatu ; caalaattuu , eegumsa dirqamasaa ta'e akkanni hin kaafne , kun ta'uu baannaan garuu , Oortodooksonni amma wareegamummaatti baraaruuf kan amanamanii dha jedhaniiru. Amantoonnis utuu hin na'in kadhannaatti akkasaan tattaafatanii fi hubannaa walfakkaataa akka isaan qabaataniifis , waamicha dabarsaniiru.
Mootummaa wajjinis itti fufiinsaan rakkinicha akkanni hubatuu fi rakkooshee ofiisheen akkasheen hiikkattuuf carraan akka isheef kennamuufiif waliin mari'achuu isaanii ibsuun , nageenyummaa lammiilee yoo hin eegin garuu , itti gaafatamummaa jalaa hin oolu jechuun ibsaniiru. Kan tokko nu taasise gochichi alseerummaa ta'uusaa fi biyyaaf mana kiristaanaa kan jigsu ta'uusaanidha kan jedhan ammoo , bakka bu'aa Gamtaa Barattoota Dilbataa Sadarkaa Biyya Obbo Yaareed Yoonaasi dha. Rakkinicha maggansuurra darbee , waan nurraa eegamu gochuuf qophoofneerra ; tokkoon tokkoo caasaa keenyaanis hojiilee hojjechuudhaaf waliin dubbanneerra jedhaniiru.
Bakka Buutuu Amantootaa kan ta'aan Aadde Eelsaabeex Amdeen gama isaaniitiin , marichi yaadaaf laphee tokkoon raawwatamuusaa ibsanii , Qulqulluun Sinoodoosiin sarbameera , abboonni sarbamaniiru ; kanaafuu , manni kiristaanaa rakkoosheen keessa jirtu keessaa ishee baasuuf hundi keenya gara kuteenyaan kaaneerra. Marii isaaniitiinis , dhimma mana kiristaanaa akka mariif hindhiyeessine jabeessanii dubbataniiru.
Kan Qulqulleettii Mana kiristaanaa keenyarrattii fi abbootarratti aggaamame deebisuuf waamichaaf qajeelfama abboota keenyarratti hundoofnee deemuuf hirbuu galleerra kan jedhan ammoo , bakka bu'aa Gamtaan Pheexiroosotaa Eegsistoota Kabajaaf Mirga Mana Kiristaanaa Obbo Ayyaalneh Tashoomee dha. Itti dabalaniis , dhimmi jiraachuun waliigalaa kun dhimma biyya diiguu ta'uusaatiin , qophii taasifneerra jedhaniiru.
Bakka buutuu Gamtaan Waldaalee Dargaggootaaf Ga'eessotaa Aadde Feevan Zari'uun gama isaaniitiin , marii har'a taasifneen , hundumti keenya gara Mana Kiristaanaa akka gorruu fi kan ga'ee isaanii ba'aachuuf , eegaa akka jiran ibsaniiru. Haala tibbanaa Mana kiristaanaa ilaalchisee walga'ii Qulqulluu Sinoodoosii irratti argamanii hubachiisuuf qophii xumuruu isaaniis ibsa isaanii irratti ibsaniiru.
Barreessaan Ol-aanaan Qulqulluu Sinoodoosii fi Hoji-geggeessaan Mana Lubummaa Muummee mootummaan eegumsa taasisu kaaseera jechuun , har'a galgala ibsa baasuun isaanii in yaadatama.

No comments:

Post a Comment

Labsiin Ajjeechaan Kan Ittiin Darbe Ibsa Muummicha Ministeeraa

Muummichi ministeeraa naanna'aa dhimmoota nagaaf amantaa irratti ibsa isaan kennan jedhamee , A.L.I Amajjii 23 ,  2015 miidiyaalee mootu...