Thursday, February 2, 2023

Afaaniin Tajaajilamuu Akka Meeshaa Siyaasaatti



Obbo Waasiyuuniif jaleensaa machii siyaasa isaanii qabbaneessuuf tooftaasaan gargaaraman , "Waan Afaan Oromootiin qiddaaseen hinqaddafamneef uummati amantiisaa jijjiire." kan jedhu adeemsa ya marqa si hafuufuun siliqimsuufii ture. Wallagga lixaatti qooqa Afaan Oromootiin wangeela barsiisuun kan inni jalqabame tibba ADWUI'iin biyyattii to'atedha yoo jedhame leellisuu hinta'u. Kun yommuu jedhamu , isaan duratti kennamaa hinturre jechuuf utuu hinta'in , jabaatee kan inni itti fufe jechuuf akka ta’e itti hubatamuu qaba. 


Sababnisaas , Lubni Gammachuufaa , Maggaabee Haayimaanot Yiheeyyis Mogas , Lubni Waasihuun , Hordofaan , Lubni Badhaasaa fi warri kaanis manneen kiristaanaa baadiyyaa keessa naanna'aanii barsiisaa kan isaan turan , Afaan Oromoon ta'uusaa kan amantoonni dhugaa ba'aani dha. Warreen Afaan Oromoo hindandeenyes hiiksisaa barsiisaa kan turan ta'uusaanii , qorannoo barreeffama kana qopheessuuf taasifneen mirkaneessuu dandeenyeerra. 


Kan manni kiristaanaa afaan garaagaraatiin barsiiftu namoota gammachiisuuf utuu hin ta'in , ajaja Waaqayyoo raawwachuun ergamashee waan ta'eefi dha. "Hindhaga'aan taanaan akkamitti amanu? Yoo hin amananis akkamitti dhugoomu?" Gooftaanis Duukabu'ootasaa Qulqullootaan afaan isaan tokkicha beekan dabalataan kan inni afaan 71 isaaniif ibse , sababii afaaniidhaa Wangeelli babal'achuurraa akkanni hindanqamneef ta'uusaa akeekkannoon hubatti. Dhugaadha , abboonni keenya duraanii hammamtaa shakkitoonni hojjetaniin hojjetaniiru jechuuf nama dhiba. 


Kan ta'e ta'ee , akka ilaalcha Waasihuunfaatti amantaasaaniitti kiristaanota jabeessuunis ta'e gara amantaa isaanii duraatti akkasaan deebi'an gochuuf , kan gargaaru lallaba wangeelaati malee , Afaan Oromootiin qiddaaseen qaddafamuusaa akka hin taane hubachuuf qorannoo hin fedhoomsu. Sababnisaas , hiika Qiddaasee kan hin beekne dubbataa Afaan Oromoo qofaa utuu hin ta'in , dhalataa saba kamiiyyuu kan Gi'iizii hinbaranne ta'uunsaa amanamaadhaa tii. Kan biraan , qiddaaseen tajaajila kadhannaa ti. Lallabni wangeelaa kutaa qaama qiddaasee keessaa isa tokko yoo ta'u , kan inni kennamaa tures Afaan Oromoon akka ta'e qopheessaa barreeffama kanaa caalaa , Lubni Badhaasaanfaa dhuga baatota hogayyuu dha. 


Qabsoon isaanii , waa'ee fayyuu dhala namaa yaaduun jaalalaaf kasoominaan utuu hin ta'in , oftuulummaa fi tuffiitiin ta'us , Eebbifamoon Abune Heenook akka qiddaaseen Afaan Oromootti hiikamuuf Qulqulluu Sinoodoosiif dhiyeessanii , Sinoodoosiinis waakkannaa tokko malee fudhatee , baasiin ol-aanaan itti ba'ee , maxxanfamee , raabsamee tajaajilarra akka jiru Oortodooksota mitii tii musiliimonnii fi pirotestaantonnuu kanaaf dhugaa ba'u. Kan baay'ee nama dinqu garuu , hordoftoonni amantaa musiliimaa Oromiyaa keessa jiran barumsi isaaniis ta'e sirni kadhannaa isaanii kan taasifaman Afaan Arabaan yoo ta'u , warraaqsi isaanirratti ka'e garuu hin jiru. 


Maarree , maaliif Oortodooksii irratti ijibbaatan ree? Gaaffii jedhu kaasuun nu dirqamsiisa. Qiddaaseen Afaan Oromootti hiikamuunsaa qaamota kana hin gammachiifne. Sababnisaas , foolannaan saammii seenaas kan isaanitti foolate waan ta'eef. Ittoon isaaniin hin itteeffamne waan hin mi'oofneef! Dubbiin dubbii fida akkuma jedhan , duraan duree phaaphaasii kibba lixa Shawaa kan turani Saawiiroos , shallaga maaliin abukaattoo afaanii akkasaan ta'uu danda'aan yommuun yaadu baay'ee na dinqa. 


Sababnisaas , biyya lallaba isaaniitti uumamsa gooliitiin kan beekaman , hammina hojii isaaniirraa kan ka'es yaaddoon keessoo isaanii waan buluuf/Akkuma cubbamaan eenyuyyuu utuu isa hin ari'iin baqata jedhamu/ guyyaa tokkoyyuu biyya lallabaa isaanii bulanii kan hin beekne , biyya lallabichaarrattis tajaajila qabaa guutu kan hin raawwanne akkasaan ta'aan uummati amantoota Waliisoo dhuga baatoo hogayyuu ti. Yommuun kana yaadu , "Bara kitaabi waan hintaanee ol ol ta'e" kan jedhe na yaadachiise. 


Dhimmichi ifatti fedha siyaasawaa kan of keessaa qabu ta'uunsaa , kan akkasii kana kan beekumsarraa , simboof kabajaa abbummaarraa kan gadooman , namoota dhuunfaa Waaqayyo sammuu hintaaneef dabarsee isaan kenne gargaaramuun mootummaan shireessaan tibbana Lixa Wallaggaa irratti kan inni hojjete ilaaluun ga'aa dha. Namoonni kunniin warreen amantaa akkasaan hintaane haalaan hubanna. Sababnisaas , lammiileen keenya sababii amantaa isaanii Shaashamannee irratti , Lixa Shawwaa irratti , Kaaba Shawwaa irrattii fi naannolee Oromiyaa biroorrattis yommuu isaan akka Hoolaa qalaman , manneen kiristaanaa yommuu isaan akka xombooraa gubaman xis jedhanii hafuura hinbaafanne. 


Kanarra , ajjeechaa Goondar irratti raawwatameen abukaattota musiliimotaa ta'aanii isaanii isaaniif dubbatuu hubanne. ABO'n bosona jirus , harka isaanii mirgaa waan ta'eef , waan maraan deeggaruu malee , yoo maal ta'e isa mormu? Itti fufna ...

Haasaan Muummicha Ministeeraa Yommuu Gamaaggamamu

 


 1.      Seenessa walfalmisiisaa farrummaa Mana kiristaanaa irratti kan bu'uureffatee fi kanumas kan cimsu dha.

 

1.1.   Muummichi ministeeraa haasaa isaaniitiin mudama phaaphaasotaa seera mana kiristaanaan alatti raawwatame akkuma raawwattoonni jedhan bu'uura gaaffii uummata Oromoon kan taasifamedha yommuu jedhan , walfudhannaa kaayyoo agarsiisuu caalaattuu , gochicha seera qabeessa taasisuuf yaalaniiru.

1.2.   Mootota garaagaraa duraaniitiin phaaphaasonnii fi keessumattuu phaatiraarikoonni moototan ; boodas , filannoo fi mudama mootummaaleen akkasaan mudamaa turan caqasuun , manni kiristaanittii sirna mudamaa tokkoyyuu akkasheen hin qabaatin turte ; sanuu , giddu seentummaa mootummaalee mirkaneessanii , deebii Qulqulluu Sinoodoosiidhaa siyaasa saboominaa wajjin walitti fiduuf yaaluu isaanii , seenessa falmisiisaa sobaa manni kiristaanitti akkasheen kan hundumaa hin taane ka'u kan cimsu dha.

1.3.    Abboonni Tigiraayiin jiran afaan ofii isaaniin tajaajilamaa yommuu isaan mana kiristaanaa baaneerra jedhan utuu deebiin tokkoyyuu hin laatamin , gaaffii Oromoon ka'uuf mirmir jechuun kun hundumtuu , dhimmichi haala adda ta'een gaaffii uummata Oromootiif deebii tokkoyyuu kennuu dhiisuuf kan taasifame fakkeessanii dhiyeessaniiru.

1.4.    Kabajamoo muummicha ministeeraa , mana kiristaanaa waggoottan kuma lamaaf utuu afaaniif sanyiin hin qoodin wal unachiiftee jiraatte rakkoo siyaasi sanyiidhaa dhaleef sababa taasisanii dhiyeessuun , qaamota mana kiristaanaa bal'eessuuf seenessa walfalmisiisaa sobaa dhiyeessan irraa adda ba'ee hin ilaalamu. Kanarrayyuu , rakkoon amma mana kiristaanaa keessatti uumame siyaasa mootummaan geggeessuu kan qiyyaafata sanyii qabu kufaatiisaaf agarsiiftuu ta'uusaadha kan inni agarsiisu. Yoo dhibe , mootummaan dhaabbilee amantaa kanarraa eeguudhaaf gumaacha barbaachisaa gochuun utuu isaaf maluu , gama kaaniin , guyyoota muraasaa asitti akkuma mul'atu mootummaan muummicha ministeeraa uumtuu fi geggessituu rakkoo sanaa ta'uusaa kan agarsiisu dha.

 

2.      Odeeffannoowwan Bifa Maqeen Dhiyeessuun Hubannaan Dogoggoraa Akka Jiraatu Taasisuu

2.1.   Garaagarummaa abbootii mana kiristaanaa kanaan dura ture dhiphoomsuuf oolmaa taasisan caqasanii kutaa ibsan keessatti , phaaphaasonni haaraan ala turan aankii phaaphaasummaa dura turerra amma ga'aanitti mana kiristaanaa keessa kan turan ta'uusaaniitiin , araarichaan warra duraan turanii wajjin miseensota sinoodoosii akkasaan ta'aan taasifamuusaa ibsaniiru. Garaagarummaasaa hamma tokko kaasuuf garuu , mudamni biyya alaa kan inni raawwatame geggeessummaa Phaatiraarikii Eebbifamoo fi Qulqulluu Abune Marqooriyoosiinidha malee , qaama alseerawaa ofii isaa phaatiraarikii taasisee mudeen miti.

2.2.   "Mudamarratti loogiin jira , mirgi heera mootummaadhaa hin eegamne gaaffilee jedhantu dhufe , gorsinee hindhaga'aamne. Oromiyaa keessatti afaaniinan baradha yommuu jedhu , lakki si hin barbaachisu jechuu hindandeenyu." jechuudhaan , manni kiristaanittii akka waan isheen Afaan Oromoonis ta'e afaanota biroon akkasheen tajaajila kennuutti hinjirreetti fi tajaajiluma kanas guddisuuf akka waan isheen hin qophoofneetti fakkeessuun ibsuuf yaalaniiru. Haala taateewwan lamaan homaa waan wal hin argine ta'aanii utuu jiranii ta'e jedhanii odeeffannoo dogoggoraa kennuun ; keessumattuu , gaaffii dhalattoota Oromoon dhiyaate yommuu ta'u deebiin addaa akka waan kennameefitti fakkeessuun bifa saboominaa kennuufii fi mana kiristaanittii ceepha'uuf yaalaniiru.

2.3.    Qulqulluun Sinoodoosiin warreen mudama alseerawaa raawwatanii fi qaamota irratti hirmaatan maggansuusaa , gama sirna mana kiristaanaan utuu hin ta'in , bifa biraa qabsiisuuf yaadi isaan kaasan kan biraan , kutaa kaabaan wal-waraansa turetti fufee phaaphaasonni Tigiraayiin jiran mana kiristaanaarraa adda baaneerra yommuu jedhan Qulqulluun Sinoodoosiinis ta'e qaamonni mana kiristaanaa biroon , homaayyuu akkasaan hin dubbanne ibsaniiru. Wantichoo , akka jecha faranjootaa isa , “It is like comparing apples and oranges.” jedhamuu dha. Sababnisaas : -

·         "Addaan baaneerra" jedhan malee , phaatiraarikiis , phaaphaasotas hin muudne. Yoo barumsa shakkii ta'e malee , manni kiristaanaa gochaa karaa alseerawaa malee , sababii haasaa qofaan nama hin maggansitu.

·         Waraana tureen dhumaatiin Oortodooksota Tigiraayirratti raawwatame ammayyuu dubbatamee hin xumuramne. Kan gamsoominaan dubbatamee fi gochaa raawwatame kaayyo qoqqooduu qabatanii kan ka'aan warra sobdootaa wajjin waldargomsiisuun , goolii biyyattii keessatti raawwatame ammayyuu hin hubanne jechisiisa.

·         Abboonni kaabaa jiran dhiibbaa siyaasaa ittiin , 'Adda baaneerra' jiraachuu akkanni danda'u utuu beekamuu fi rakkinichi nageenyi argamuu wajjin ofumasaan akkanni hiikamu utuma beekamuu , biyya 'bilisummaan' jirutti gochaa alseerawaa , uummataaf biyya qoqqoodu qaamota raawwatanii wajjin waldorgomsiisuun , barbaachisaa miti.

·          Kanumaa wajjin , walitti qabanii , mootummaan kun Mana kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoof araara nageenyaarraa jalqabee , deeggarsa addaa taasisaa turuusaa ibsaniiru. Kanaafis agarsiiftuu tokko kan isaan taasisan , mootummaan isaanii , qabiyyeesheen bulchiinsa finfinneerraa qabduuf isaan muraasa qofaaf gochaa mirkaneessa qabiyyee lafaa taasise , dhaabbilee amantii biroof kan taasifame kennaa lafaa haaraa haaraa wajjin birqabeessuun , Manni kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo , dhaabbilee amantii warra kaanii kan caaluun kennaa lafaa akka waan isheen argatteetti dhiyeessuu isaanii.  Odeeffannoon kun utuma dhugaa ta'ee iyyuu , qabiyyee lafaa mana kiristaanaa finfinnee ala jiru butachuu , buqqaatiif ajjeefamuu Oortodooksotaa utuu hin kaasin bira darbuun , seenessa walfalmisiisaa sobaa dhugaa fakkaatu afarsuu dha.

 

3.      Dhaaba Amantaa Mirga Namoominaa Qabdu Seerasheen Alatti Qaamota Alseerawoo Ofiisaanii Mudanii Wajjin Qixxee Kaa'uu

3.1.   Muummeen ministeeraa haasawaa isaaniitiin Qulqulluu Sinoodoosii Mana Kiristaan seera qabeessa ta'ee fi namoota dhuunfaa(gurmuu) karaa alseerawaan mudaman akka qaamota seera qabeeyyiitti yommuu waldorgomsiisan dhaga'aamu. Kunis : -

·         Dhaabbi'ee Seeraqabeeyyii duraan turaniif bu'uura seera qabeessummaa kan diige dha ,

·         Qulqulluun Sinoodoosiin qaama alseerawaa kanaa wajjin akka teessumaan dubbatuuf dhiibbaa bulchuuf giddu seentummaa mul'ataa mootummaan muummee ministeeraa itti adeemaa jiru sochiisaa kan agarsiisu dha.

·          Har'a , lamaan isaanii iyyuu rakkoo isaanii dubbii teessumaan fixuu kan jedhu faaneffannaan , gareen alseerawaan kun kanatti fufuunis biyyoota lallabaa irratti saammii fi weerara gurmaa'ina mana kiristaanittii irratti alseerawaan kun raawwatuuf , "Qaamonni lachan" waliigalanii haa hiikani kan jedhuun deebii seeraqabeessa ta'e deebisuurraa of-eeggachuuf mijeessuu dha.

·         Sanuu , teessumaan mariin fixuun , gareen alseerawaan sun mudama sirnamaleessanni taasise Qulqulluun Sinoodoosiin akka fudhatu bifa fakkaatuun , araara nageenyaa abbootaa duraan tureen phaaphaasota mudaman Qulqulluun Sinoodiin akkanni fudhate kaasaniiru. Dhimmichi akkuma jedhame , “It is like comparing apples and oranges.” dha.

 

4.       Haqaa fi da'oo seera qabeessummaa doqnuu fi gara fuulduraafis , kanaaf akka hin qophoofne haasaa akeeku dha.

·         Akkuma bartee ta'e rakkoo biyya keessatti raawwatamu hundaaf mootummaan ittigaafatamummaa kam iyyuu akka hinqabne bifa baratameen ibsaniiru. Ofgamaaggamuunii fi rakkoo amanuun , dhaabbata mootummaa rakkoo hiikuuf fedha qaburraa kan eegamu dha.

·          Muummeen ministeeraa , 'Qaamota lachan gidduu' akka gidduu hin seenne cimsanii dubbataniiru. Garuu ammoo , yaadonni ibsa isaaniin kaasan hundumtuu karaa alseerawaa ta'een qaamonni walmuudan dhimmootaaf seenessa falmisiisaa isaan akka sababaatti dhiyeessanii wajjin walsimataa ta'uusaa , hirmaannaa mootummaa isaaniin jiru ifatti kan agarsiisu dha. Kun , dhugaarraa kan fagaate , kan ija qulumsee fi soba nama tilmaamsisu dha. Eegumsa mana lubummaaf ture kan kaase , phaaphaasota dabalatee kineessaa fi hidhaa kan jiru , qabeenya mana kiristaanaa kan cabsisiisu eenyu dha? Mootummaa nuti hinbeekne kan biraatu jira moo? kan nama jechisiisu dha. Dhimmichi garuu , olitti akkuma ilaalle , gurmuun alseerawaan kun , eegumsaaf deeggarsa mootummoota naannoleen ittifufiinsaanis biyyoota lallabaatti manneen kiristaanaa daangessituurraa jalqabee , mana lubummaa aanaarraa amma biyya lallabaatti gurmaa'insa mana kiristaanaa jiran hunda akka barbaadanitti , gochaa humnaan fudhachuu , da'aannaa kennuufiinii fi gaaffii haqa argachuu manni kiristaanittii kaaftu , "Lachan isaanii iyyuu waliigalanii haa hiikani" adeemsa haqadhabeessa jedhuun bira darbuuf akka isaan dandeessisuuf ta'uunsaa amanamaa dha.

·         Qulqulluu Phaatiraarikiirraa jalqabee abboonnii fi qaamonni mana kiristaanaa , mootummaan akkanni ittigaafatamummaa seera kabachiisuusaa akka ba'aatu jechaa kan isaan isatti waawwatan , biyyattiin mootummaa haqaan hojjetu qabdi jedhanii ti. Kabajamoo muummee ministeeraa , mee , akka isaan gara biyya lallabaa isaanii hin seennee fi mana kiristaanaa maallaqa amantootaatiin isaan Jimmaatti ijaarsisan akka hin eebbisiifneef kan dhorkaman Eerpoortii Jimmaatti hidhamanii gara Finfinneetti deebi'uuf kan dirqisiifaman abbaa maanguddoo Eebbifamoo Abune Isxifaanoosiin gaafadhaa.

 

5.       Sosso'iina Oortodooksotaa waa'ee haqaaf taasifamu hunda dhibamuu nageenyaa fi kanumaanis , amma humnaan mootummaa fenqelchuu wajjinis akka lakka'aamu ibsuu isaanii ,

  •      Oortodooksonni , rakkoo kana ilaalchisee , sanyiif afaaniin utuu adda hinba'in sagaleesaan kallattii hundumaan dhageessisaa jiran jijjiirraa  mootummaatiif sosso'ina taasifamu fakkeessuudhaa fi dandeettii sosso'ina akkasii to'achuu danda'u akka qaban bifa sodaachisuutiin dubbataniiru. Kabajamoo muummee ministeeraa , "Mootii waggaa kumaa , garuu , harka keessan mana kiristaanaarraa kaasaa" dha sagaleen mana kiristaanaa , abbootaa , amantootaa.
  • Abboonnii fi qaamonni mana kiristaanaa , gidduseentummaan mootummaadhaa , biyyattii gara goolii hinbarbaachifneetti geessuu danda'a yaaddoo isaanii jedhu kan isaan ibsan , amma akkuma agarru , mootummaan sagalee amantootaa ukkaamsuu fi fedhiisaa raawwachuuf akkanni humna gargaaramu hubachuuni dha. Garuu ammoo , aarsaa kaffalchiisus , miidhamni mana kiristaanaarra ga'aa jiru , callisuun kan bira darbamu kan hin taane akka ta'e ifaa dha.  

Kanaafidha amantoonni bakkuma bakkaa , "Amantaa duunuuf malee , saba duunuuf hinqabnu" dhaadannoo jedhu qabatanii kan isaan mul'ataniif. Sagalee amantootaatiif mootummaan qawwee utuu hinta'in yoo gurra isaa kenne , rakkinicha hiikuun , kabajamoon muummeen ministeeraa akka jettan 'Salphaa' ta'uu baatus , saaqaa karra nageenyaa dha.

 

6.       Muummeen ministeeraa , rakkoo uumame hiikuuf salphaa akka ta'e himuu isaanii.

Goolii biyyattiin amma keessa jirtuuf wantoota taasisan keessaatii tokko , rakkoolee jaboo akka injijjiitti lakkaa'uurraa kan madde dha. Mana kiristaanaa uummata amantaanii fi hawwaasummaan waliinfiroomsitee jiraachifte sanyii fi afaaniin addaan qooduuf gochaan taasifamu , 'Salphaadha' jedhanii darbuun , yookiin rakkinicha hubachuu dhabuu , yookiin rakkinichi akka hiikamuuf hanqina fedha dhabuu kan akeeku dha. Yookiin , rakkoo hirmaannaa kallattii mootummaan keessaa qabuu fi deeggarsa qaamolee alseerawoof deeggarsa laatamu haguuguuf yaalii taasifamu dha.

 

7.       Rakkoo dhaabbilee amantaa garaagaraa keessatti uumamuuf rakkoo qofiinsa dhaabbilee sanaa taasisanii gidduseentummaa mootummaa haaluun , dhaabbileen amantaa akka rakkoo keessa hin seenneef siyaasarraa , hannarraa , sanyiirraa bilisa ta'uu akkasaan qaban muummeen ministeerichaa hubachiisaniiru. Gorsa ba'eessa dha. Mootummaan harkasaa mana kiristaanaarraa kaasnaan , rakkoon hundumtuu irraa caba. Rakkoolee sadan iyyuu baroota garaagaraatti kan mana kiristaanaa keessa galche mootummaa dha. Kan isaan duraa waan darbeef , gumaacha mootummaa muummicha ministeeraa agarsiistuunsaa

  • Paastaroonni badhaadhinaa tokko tokko kan muummicha ministeeraa deeggaran yommuu isaan mana kiristaanitti sababa booddeetti hafummaa taasisanii ittigaafatamtuu goolii siyaasaa fi diinagdee biyyattii akka isheen taatetti taasisanii yommuu isaan dubbatan callisuun bira darbuu
  • Waliigala jiraachuu seera qabeessummaa mana kiristaanittii , qaama alseerawaa wajjin qixxeessanii ilaaluu
  • Dursamee akkuma ibsame , qaamota alseerawoo toora siyaasaatiin mana kiristaanittii sanyiin qoqqooduuf yaalan ifatti deeggaruu
  • Haasawaa haarra taasisaniin dabalatee , manni kiristaanaa akka waan isheen akka namoonni afaan isaaniin hinbaranne dhiibdutti kan fakkeessu haasaa gooliinsa xuqatu taasisuu isaanii.

Gudunfaa

Haasawaan muummicha ministeeraa , cufti isaayyuu kan rakkoo furu utuu hinta'in , rakkoo amma uumame irratti kan beenzila firfirsee fi haasawaa itti gaafatamummaa jalaa nama hin oolchine dha. Rakkinichaaf furmaanni nageenyaa akka dhufuuf mootummaan gidduseentummaa isaa dhiisee ,

  1.  Waliigala jiraachuu seera-qabeessa mana kiristaanittii fudhatee , mirga seera-qabeessa ishee kabachiisuu
  2. Mana kiristaanittii fi haleellaa caasa qabeessa tajaajiltoota isheerra ga'u dhaabsisuu
  3. Yaada bilisaan ibsachuu lammiilee heera mootummaawaa ta'e kabajuu fi gaaffilee isaan kaasaniif gurra kennuun, mootummaa biyya geggeessuu fi geggeessaarraa gochaa eegamu dha.

 

 

Labsiin Ajjeechaan Kan Ittiin Darbe Ibsa Muummicha Ministeeraa

Muummichi ministeeraa naanna'aa dhimmoota nagaaf amantaa irratti ibsa isaan kennan jedhamee , A.L.I Amajjii 23 ,  2015 miidiyaalee mootu...