Tuesday, February 7, 2023

Labsiin Ajjeechaan Kan Ittiin Darbe Ibsa Muummicha Ministeeraa



Muummichi ministeeraa naanna'aa dhimmoota nagaaf amantaa irratti ibsa isaan kennan jedhamee , A.L.I Amajjii 23 ,  2015 miidiyaalee mootummaa garaagaraatiin darbaa tureera. Ibsisichi ifaa kan hintaane ta'uusaa qofaa utuu hinta'in , haasawaa geggeessaarraa hin eegamne kana , biroodkaastiin dabarsuun maaliif akkanni barbaachises ifaa miti. Ibsi kenname , doorsisa odeeffannoof rageeffannoo malee dhiyaate dha. 


Kan muummichi ministeeraa dubbatan irraa hubachuun kan danda'aamu , mudama phaaphaasummaa sobaa Dammallaash/Akaalawaldi mogosfaa , kan murtoo mootummaan raawwatame ta'uusaa qofa dha. Gama kanaan , odeeffannoo ifaaf dhugaa isaan nuuf laataniif utuu hingalateeffatin hindabarru. Muummichi ministeeraa , "Manni kiristaanaa biyya" jechuudhaan , mana kiristaanaaf akka yaada gaarii qabanitti fakkeessuun akka waan hindubbannee , har'a diigdonni biyyaa yommuu isheetti ka'aan mana kiristaanaa biyya isheen jedhan eeguurra , cina diigdotaa dhaabachuun isaanii , durumayyuu dhiyeeffata Oortodooksotaa qofaaf kan dubbatan ta'uusaanii ittuu cimse. 


Sanuu , gama qajeelfamaaf murtoo fakkaatuun mana kiristaanaaf qannoonaa haaraa dhaabuuf garaan isaan yaadaa ture. Walumaagalatti , ibsi isaan kennan qopphii malee kan dubbatame , faallomsaan kan guutame , sosso'iina garee alseerawaan kan mootummaan geggeeffamu ta'uusaa kan mirkaneesse , mirga namooma mana kiristaanaa kan dhiibbatu , jibbaaf tuffii mana kiristaanaaf qaban kan saaxilee fi akka geggeessaa biyyaatti utuu hinta'in , akka dubbi himaa garee alseerawaa sanaatti kan dhiyaate jechuun indanda'aama. Gama kanaan , haasawaan muummicha ministeeraa isaan bu'uurawaa ta'aan irratti gaaffii fi qeeqannoo dhiyeessuun , barbaachisaa ta'ee argameera. 


1.Waa'ee Deeggarsa Mootummaan Taasisee 


Muummichi ministeeraa irradeddeebiin dubbataa yommuu dhaga’amanitti , isaanii fi mootummaan isaanii , Mana kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaaf waan isaan isheef hingoone akka hinjirre dha. Akka Sinoodoosii haaressan , gamoolee dhaalaman akka fudhatan , qabiyyee kaaree meetiraa  miiliyoonaa akka kennan , Haaressa Manneen kiristaanaa Laallibalaaf mootummaa Faransaayirraa akka fandii argatan , Abudaabiitii akkasheen qabiyyee argattu akka taasisan ijajabinaan dubbataa turani. 


Dhugaan jiru garuu , muummichi ministeeraa waanuma mararratti goota injifatoo xumura lola irratti argamee ta'aanii argamuunsaanii fi kireediitiisaa fudhachuurraan alatti , "Mootota booddee , kan akka mootummaa koo gaarii taasise hinjiru" garmaamsa jedhu qillisuuf kan dandeessisu gumaacha kan hinqabne ta'uusaanii dha. Keessumattuu , araara abboota ala turanii fi Qulqulluu Sinoodoosii gidduutti taasifame , akkuma Oortodooksonni marti hubatan , duraan dursamee kan jalqabamee fi jila erguun dhimma itti dadhabame dha. 


Fedhiin araarichaas kan abbootiidha malee , bu'aa dadhabbii muummicha ministeeraa akkanni hintaane , haqa bakkee adii jiru dha. Muummichi ministeeraa , akka mootummaan darbe taasisu gufuu ta'uu dhiisuun isaanii , kan isaan galateeffachiisu ta'uunsaa hin haalamne. Kanaaf ammoo , manni kiristaanaa kan malu , tariitiis kan isaaniif malu olitti beekamtii laatteetti. 


"Yommuu Dargiin Phaatiraarikii ajjeesu , ADWUIn ari'atu ; nuti garuu , ajjeesuunis , ari'achuunis sirrii miti jennee abboota alaaf keessa jiran araarsuudhaan gargaarreerra" jedhaniiru. Araaraa fi tokkummaa biyyaa fedhuun kan raawwatame turraan , gaarii dha. Garuu ammoo , "Kan dargiin phaatiraarikii ajjeeseef , mootichaaf waadaa galanii kan mudaman waan turaniif , waliin deemuu dadhabuu isaaniitiini dha ; ADWUInis phaatiraarikii tibba sana turan kan inni ari'ateef , kan dargiin mudaman waan turaniif , waliin deemuu dadhabuu isaaniini dha." jechuun ibsannoo isaan kennan , sirrummaa gochaa mootummoota sanaa kan dhugoomsu malee , namatti darbuu isaan raawwatan kan balaaleffatu miti. 


Xiyyeeffannaan haasawaa kanaa , rakkinichi kan phaatiraarikootaati malee , kan mootummootaa ta'ee hindhiyaanne. Mootummaan keessanis , phaatiraarikii ajjeesuu fi godaansisuurra , qajeelcha manuma kiristaanittii ari'achuu jedhu hordofuun , isaan kaanirra hammaataa yoo taasise malee , kan fooyya'u ta'uu hindanda'u. Sanuu , akkuma mootummoonni kaan alangaan isin reeban ; ani ammoo , Gaawwisaanan isin hidda kan jedhedha kan inni fakkaatu. 


dhimmooti taasifamaniiru jedhamanis , bu'aa siyaasaa argachuufidha malee , mana kiristaanaaf yaadamanii akka hintaane , ammaan kana waan mana kiristaanaa irratti taasifamaa jirurraa hubachuun indanda'aama. Kana waan ta'eef , dhimma araarichaarratti gatii dadhabbi maleessa fudhachuu barbaadan fudhatanii akka xumuran yommuu ibsinu kasoominaani. 


Manneen kiristaanaa Qulqulluu Laaliballaa ilaalchisee kan isaan dubbatan garuu , geggeessaa mootummaa addunyaawaadhan kan jedhu mitiitii , mootummaa amantaawaa gama Oortodooksiin dhaabate irraayyuu , kan eegamu miti. Manneen kiristaanaa Qulqulluu Laaliballaa , hambummaa addunyaatiin kan galmeeffaman , biyyarra darbee , qabeenya idil-addunyaa ti. Hambaa kanaaf haaromsaaf suphiinsa taasisuuf Oortodooksii yookiin lammii Itiyoophiyaa ta'uu hinbarbaachisu 


Muummichi ministeeraa garuu , kan isaan dubbatan raawwatee kanarraa kan fagaate dha. Heera mootummaa keewwata 41(9) jalatti , mootummaan ittigaafatamummaa hambaalee aadaaf seenaa kunuunsuu akka qabu seeromeera. Gochaa kana raawwachuuf ba'aatu hunda , arjoommiif oolmaa wajjin ; yookiin , mana kiristaanaa jaal'achuu wajjin lakka'aamuu hinqabani. Fandiin haaressa kawaalotaa taasisu barbaaduun , muummee ministeerichaan utuu hinta'in , dursee kan jalqabamadha. 


Abbaan Taayitaa Qorannoof Eegumsa  Hambaalee A.L.I Amajjii 26 , 2010 waliigaltee  pirojektii haaressaa mallatteesseen ibsa kenneen , manneen kiristaanaa haaromsuuf sochin jalqabamuusaa dabalata mootummaan ,  qaamonni kaanis akka hirmaataniif waamicha taasisuun hojichi jalqabamuunsaa kan beekamu dha. Sana jechuun ammoo , muummichi ministeeraa gara aangootti dhufuu isaaniin dura ta'uusaa dha. Ibsi muummicha ministeeraa dhugaa kana jifaatachuun kenname , shora geeggeessaa biyyaa kan dagatee fi saaqxuu hojii fandii barbaacha taasisee fakkeessee kan dhiyeesse waan ta'eef , gonkumaa kan maleessummaa qabu miti. 


Motummaan dargiin , gamoowwan lakkuu humnaaf qabeenya isheetiin Manni Kiristaanaa Oortodooksiin Tawaahidoon Itiyoophiyaa horatte seeramaleessummaan fudhatee turuunsaa inbeekama. Manni kiristaanaa , bu'uura seera Fitaa Biheerii 398tiin akka nama tokkootti kan lakka'aamtu ta'uusheetiin , mirga qabeenya horachuu kan qabdu dha. Kan muummichi ministeeraa akka oolmaa guddaatti ibsan , qabeenyummaa mana kiristaanaa isaan kana deebisuu isaanii dha. 


Manni murtii waliigalaa federaalaa , hiika dirqisiisaa galmeewwan dadhachaa garaagaraa kenneen , seeradhabeessummaan labsii malee manneen fudhataman qaama ilaallatuuf gaaffii dhiyeessuun abbaa mirgaa ta'uun indanda'aama. Kana waan ta'eef , manni kiristaanaa qabeenya mataa ishee furmaata bulchiinsawaan yookiin murtii mana murtiitiin argachuunshee , galata addaa kan fedhoomsu utuu hinta'in , mirga seera-qabeessummaa ishee dha. 


Muummichi ministeeraa , geggeessaa biyyaa fi anga'aa ta'uusaanii yoo irraanfachuutti jiraachaa jiru ta'e malee , sababni ijoon mootummaan barbaachiseef , haqa akkasii diriirsuufi dha. Kana waan ta'eef , mirgawwan seeraan eeyyamaman kabachiisuunii fi haqa diriirsuun , dirqama mootummaawaadha malee , gargaarsa matayyaa miti. Kana isiniif godheeraan akkasii ibsa muummicha ministeeraa , hanqina beekumsaarraas madduu danda'a.

No comments:

Post a Comment

Labsiin Ajjeechaan Kan Ittiin Darbe Ibsa Muummicha Ministeeraa

Muummichi ministeeraa naanna'aa dhimmoota nagaaf amantaa irratti ibsa isaan kennan jedhamee , A.L.I Amajjii 23 ,  2015 miidiyaalee mootu...