Tuesday, February 7, 2023

Mat-duree , "Ibsa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Irraa Kenname" jedhuun , A.L.I Amajji 28 , 2015 ibsa kominikeeshiniin mootummaa kenne ilaalchisee , ibsa , Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa Qajeelcha Quunnamtii Uummataa irraa kenname.

 


Qulqulluun Sinoodoosiin Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa Hafuura Qulqulluutiin geggeeffamu , Seera Haqa Hafuurawaa ; akkasumas , keewwata seera mana kiristaanaa 19 , muraa 3 irratti bu'uura seeromeen , Yaa'ii Guutuu hatattamaa A.L.I Amajji 18 , 2015 tti taasiseen , cabiinsa wayitawaa amantaa , qannoonaa , bulchiinsawaa mana kiristaanaa keenyarratti uumame ilaalchisee bu'uura murtoo dabarseen yaalii mudama phaaphaasummaa alseerawaa fi fonqolchi Sinoodoosii raawwatamuusaan , mateeyyiirratti murtoo amantawaa , qannoonawaa fi bulchiinsawaa dabarsuunsaa in yaadatama. 


Kanatti fufatee , murtoowwanii fi ergaawwan  qaama ol-aanaa mana kiristaanaa keenyaa kan ta'e Qulqulluu Sinoodoosiin kan kenneefii  waltajjiilee walitti aanoo qopheessuun waa'ee cabiinsa heera biyya keenyaa fi seera mana kiristaanaa keenyaaf uummati keenya akka hubannaa ga'aa argatuuf , irradeddeebiin Qulqulluu Sinoodoosiirraa fi gama dureewwan eebbifamtoota phaaphaasotaan ibsaa fi yaadachiisni kennamaa turuunsaa in yaadatama. 


Haa ta'uutii , mat-duree , "Ibsa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Irraa Kenname" jedhuun , A.L.I Amajji 28 , 2015 ibsanni kenne ilaalchisee , qabxiilee ibsichi kaa'e kabajaa , seenaa fi dhugaa qulqulleettii mana kiristaanaaf dhimma dhabuun , aanteewwan dhimmicharratti rageeffannaa ga'aa hinqabne akkasaan hubannaa dogoggoraa qabaatan ibsa taasisu ta'uusaatiin , qabxii ijoo ibsichaarratti Qajeelchi  Quunnamtii Uummataa Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa deebii kanatti fufee jiru kenneera. 


1. Keeyyata jalqabaa ibsichaarratti , "Tibbana abbootii Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa gidduutti gargar ba'iinsi uumame karaa naga qabeessa ta'een , hoj-maata keessoon hiikamuu akka qabu mootummaan ni amana" kan inni jedhe ilaalchisee. 


1.1. Akkuma beekamu , gargar ba'iinsi abbootii mana kiristaanittii gidduutti uumame hinjiru. Bu'uura murtoo Qulqulluu Sinoodoosiitiin miseensummaa isaaniin kan beekamanii fi abbootii mana kiristaanaa jedhamanii kan beekamtiin isaaniif kennamu ; garuu ammoo , abbootiin eebbifamtoonni wal hubannaa dhabiinsa uuman hinjirani. 


Ibsi tajaajilli koominikeeshiniin mootummaa kenne ; Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa seera qabeessummaa namoominaa addatti qabduuf Hafuura Qulqulluu gadi , qaama ol-aanaa mana kiristaanaa ol kan ta'e Qulqulluu Sinoodoosiin , bu'uura qannoonaatiin mateeyyii inni maggansee isaan baase ammayyuu akka waan isaan qaama seera qabeeyyii ta'aanittii fi ibsa beekamtiis isaaniif kennu ta'ee waan argineef , manni kiristaanaa kan malu jettee waan hin amanneef , ibsa koominikeeshinii mootummaatiin kenname hin fudhattu. 


1.2. Mana kiristaanaa qulqulleettii naga qabeettii taateef qaama ol-aanaa isa xumuraa kan ta'e Qulqulluun Sinoodoosiin murtoo xumuraa keessoo hafuurawaa fi hoj-maata bulchiinsa isaan kenne , ibsa mootummaan baase ammas  kan hin fudhanne ta'uusaa kan agarsiisu ta'ee argineerra. 


1.3 Miidiyaalee mootummaan sagalee mana kiristaanaa ukkaamsuun ibsi tokkoyyuu akka hindabarre erga taasifamee booda , ibsa mootummaa kana miidiyaaleema mootummaa kanaan akka darbu taasisuun , dhaggeeffataaf daawwataan baay'een hubannaa garamaqe akka qabaatu qabiyyee taasisu ibsa qabu ta'uusaa manni kiristaanaa in hubatti. 


2. Keeyyata lammaffaa ibsichaarratti , "... Rakkooleen tokkummaa dhaabbilee sanaa qorama keessoon yommuu ka'aan , marii fi hoj-maata keessootiin akkasaan hiikamaniif deeggarsa gochaa ture" kan inni jedhe ilaalchisee 


2.1. Faallaa ibsichaan kennameetiin manni kiristaanaa keenya mateeyyii fi gurmuulee  alseerawoo isaaniin jettee wajjin mootummaan cimdoomina uumuun sosso'inatti jiraachuusaa A.L.I Amajji 27 , 2015 Qulqulluun Sinoodoosiin ibsa kenneen beeksuunsaa kan yaadatamu yoo ta'u ; mootummaan , gochaasaa kanarraatii kan inni of hinqusanne ta'uusaa kan agarsiisu ta'ee argineerra , 


2.2 Mootummaan amantaa keessa giddu seentummaan akka hin galle kan jechasaan dubbatu utuu ta'ee jiruu , gochaan garuu , amma yeroo ibsi kun kennameetti , mootummaan walittiqabama alseerawoof gochaasaa deeggarsa kennuu irraa of-qusachuu dhiisuu isaa fi amantootarratti amma ajjeechaa raawwachuutti ; mooraan mana kiristaanaa sarbamee qaamolee alseerawoof deeggarsa meeshaan deeggarame kennuun furtuu mana kiristaanaa qulqulleettii cabsee weerarsuun dabalatee gochaa gonkumaa hin mallee fi alseerawaa ta'e isa dhaggeeffatuuf isa ilaaluuf utuu ifa ta'ee jiruu , ibsichi , kanaan dura muummeen ministeeraa keenyaa kan isaan kennanii fi Qulqulluun Sinoodoosiin dogoggora jiru  toora tooraan seecca'ee ibsuun akka sirreeffamuuf kan inni yaadachiiseen faallaattii ibsi dogoggoraa muummicha ministeeraa keenyaa , fuftuu ibsa dogoggoramee ta'ee argineerra. 


3. Ibsa isaarratti , keeyyata 3ffaarratti , "Jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaan , aanteewwan lamaan walitti dhiyeessuun .." jechuun , kan inni ibse ilaalchisee 


3.1. Qulqulluun Sinoodoosiin kabajamoo muummicha ministeeraa keenyaaf deebii kenne irratti ifatti akkuma ka'aame ; mootummaan , qaama magganfamee adda ba'e Qulqulluu Sinoodoosii wajjin qixxomsuu fi fuullessuun ilaaluusaa itti fufuusaa , manni kiristaanaa keenya ammayyuu taajjabuutti argamti. 


3.2. Qulqulleettiin mana kiristaanaa mooraawwan ishee sarbamaa fi gargaarsummaa mootummaatiin birmadummaanshee cabsamaa yeroo jiru kanatti dhimma hoj-maata keessoo deebiin itti kennamee xumurame gara jaarsummaatti gad-buusee agarsiisuun , kan ibsicha dhaggeeffatu hundumaaf golollisina kan uumu , suura guutuu kan hin laannee fi aadaa  kabajamaa , "Jaarsummaa" utubaa ergama mana kiristaanaa ta'e irratti ga'iisuu ta'ee arguu keenyaan , ibsi kenname barbaachisummaa kan hinqabne dha. 


4. Keeyyata afuraffaa ibsichaarratti , yaadotii ka'aaman keessaatii , "... Qaamoliin tasgabbeessitoonni , nageenyaaf tasgabbii uummata naanna'aa fi dhaabbilee amantaa kabachiisuun , dirqama isaanii ti." Akkasumas , "... qaamoleen miidiyaa , wantoota rakkinicha ittuu hammeessan dhiyeessuurraa of-eeggachuu qabu." jechuun ,  Yaadotii bu'ii inni ibse ilaalchisee , 


4.1. Yaanni ibsicharratti caqasame kan sirrummaa qabu ta'us , gochaan qabatamaatti mul'taa jiru garuu , Qulqulluun Sinoodoosiin A.L.I Amajji 27 , 2015 ibsa kennerratti akkuma ibse , mootummaan , mana kiristaanaa seeraqabeettiidhaaf eegumsa seeraa fi da'aannaa kennuurra , faallaatiin gurmuu alseerawoof gochaa loogummaa gochaa jiruun jireenya amantootaa butaa fi humnootii hidhatoo gurmaa'e ajjabaa mooraa mana kiristaanaa sarbaa fi sarbisiisuutti jiraachuusaa ibsa gane ta'uusaa , manni kiristaanaa yaadashee guutuun hubatti. 


4.2. Miidiyaaleen mootummaa , qaama ol-aanaa mana kiristaanittii kan ta'e ibsa Qulqulluun Sinoodoosiin kennu akkasaan hin gabaasneef gochaan kan isaan qoqqobe mootummaan keenya qaamolee miidiyaa hojii sammuu fi seera qabeessa isaanii raawwataa jiran irratti ibsa doorsisaa kennuun sagalee mana kirstaanaa keenyaa ittuu ukkaamsuuf sosso'inatti jiraachuusaa , ibsa mul'inatti agarsiise ta'e argineerra. Kana waan ta'eef , raawwatee gochaa barbaachisummaa hinqabne dha. 


5. Keeyyata ibsichaa 5ffaarratti , " ... humnootiin biyya diiguuf karaalee garaagaraan yaalanii isaaniif hinmilkoofne , rakkinichi akkanni ittuu caaluu fi akka hin furamne taasisuuf hojjechuutti jiraachuu isaanii bira ga'aameera." Yaada bu'ii jedhu ilaalchisee : - 


5.1. Qulqulleettiin mana kiristaanaa keenyaa , haala kamiinuu , gochaalee biyya diigan kan ciigaatu ; ergamnishee ijoon jiraachuu biyyaa ittifufsiisuu ta'uusaa dirree lolaa garaagaraa irratti Taabota Seeraa ishee kabajuun amantoota ishee qabsoof waamuu dabalatee , kan jiraachuu biyyaa eegsistee fi eegsisuutti kan jirtu ta'uunshee kan beekamu yoo ta'u , mootummaan ibsa isaatiin gochaan akkanni ibsee  yoo raawwatame mormituun jalqabaa qulqulleettii mana kiristaanaa keenya ta'uushee , irradeebiin yaadachiisuu jaal'atti.

Kanaafis , agarsiistuunshee , sosso'inni tokkoon tokkoo isheetii , naga qabeessaa fi barbaachisummaa seeraa fi bu'uurasaa qofa hordoftee argamuu ishee dha. 


5.2 humnootiin diigdonni biyyaa akka rakkinichi hin furamnee fi ittuu hammaatu taasisan gartuulee alseerawoo ta'uusaanii kan mootummaan raawwatee kan beekuu fi kan deeggarsa addaa kennu ta'uusaa manni kiristaanaa beeksisaa , mootummaanis gochaasaa  alseerawootii deeggaruuf gargaaruu irraa akkanni ofqusatu , qulqulleettiin mana kiristaanaa irradeebiin yaadachiifti. 


5.3. Akka ibsichaatti taanaan , kan rakkinichi hiikamu , yommuu qulqulleettiin mana kiristaanaa mootummaarraa waliigala jiraachuushee , seeraqabeessummaashee , birmadummaa dhaabbatummaashee argachuu qabdu da'aannaa seeraa dhabdee yommuusheen qaamolee alseerawoo wajjin qixxeetti ilaalamtu ta'uusaa ibsichi qooqa mul'atuun kan kaa'e ta'uusaa qulqulleettiin mana kiristaanaa cimsitee kan maggantuu fi kan mormitu ta'uusaa yaadachiisuu jaal'anna.



6. Xumura keeyyata ibsichaarratti , "... rakkinicha hammeessuu fi uummattoota gidduutti walitti bu'iinsa uumuuf , biyya qorumsatti galchuuf qaamolii carraaqan irratti mootummaan hojii seera kabachiisuu isaa akka hojjetu carraa kanaan beeksisa" jechuudhaan kan inni kaa'e ilaalchisee. 


6.1 Qaama ol-aanaa qulqulleettii mana kiristaanaa keenyarraa kan ta'e Qulqulluu Sinoodoosiirraa jalqabee amma caasaa bulchiinsa gadiitti , darbees , amma amantoota hordoftoota isheetiitti , nageenyi biyya keenya Itiyoophiyaa , tokkummaan uummatashee fi dhimma ol-aantummaa seeraa akkuma irradubbannaaf hindhiyeessine irradeebiin yaadachiisaa , aangoo da'eeffachuun gaaffii seeraqabeessa mana kiristaanaa dirqiin , hidhaan , waliigad kineessuunii fi sodaachisuun hiikamuu kan hindandeenye ; kanarrayyuu , mootummaan , ittigaafatamummaa mootummummaa itti kenname loogii malee yoo raawwate qofaa ta'uusaa , manni kiristaanaa , lammata jecha jabaatiin yaadachiisuuf jaal'atti. 


Xumurarrattis , mootummaan yommuu ibsa kana baasu , A.L.I Amajji 27 , 2015 magaalaa Shaashamanneetti humnootiin mootummaa hidhatootiin alseerummaan , fafiinsi fi ajjeechaan garajabina guutuun taasifamee fi hubama uumataa kan hincaqasnee fi gaddumasaayyuu kan inni ittiin ibsuu hindandeenyee fi kan hinbalaaleffanne ta'uusaa yommuu ilaallu , gumaacha mul'ataa mootummaa  salphaatti hubachuuf akka dandeenyu nu taasiseera. 


Kana waan ta'eef , mootummaan , qaamolee alseerawoof deeggarsa kennuu fi qooqa isaanii ta'ee dhiyaachuun , kabajaaf birmadummaa mana kiristaanaa gochaa alseerawaa yareessu irraa akkanni of-eeggatu yaadachiisaa , gochaa qaamoleen alseerawaan hojjetaa jiraniifis deeggarsaaf gargaarsa kenneef mul'inatti mana kiristaanaa dhiifama gaafachuun akkanni dhaabu yaadachiifna. 


Galanni Waaqayyoo!

A.L.I Amajji 29, 2015

Finfinnee , Itiyoophiyaa 

Maddi: Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa Qajeelcha Quunnamtii Uummataa

No comments:

Post a Comment

Labsiin Ajjeechaan Kan Ittiin Darbe Ibsa Muummicha Ministeeraa

Muummichi ministeeraa naanna'aa dhimmoota nagaaf amantaa irratti ibsa isaan kennan jedhamee , A.L.I Amajjii 23 ,  2015 miidiyaalee mootu...