Thursday, February 2, 2023

Afaaniin Tajaajilamuu Akka Meeshaa Siyaasaatti



Obbo Waasiyuuniif jaleensaa machii siyaasa isaanii qabbaneessuuf tooftaasaan gargaaraman , "Waan Afaan Oromootiin qiddaaseen hinqaddafamneef uummati amantiisaa jijjiire." kan jedhu adeemsa ya marqa si hafuufuun siliqimsuufii ture. Wallagga lixaatti qooqa Afaan Oromootiin wangeela barsiisuun kan inni jalqabame tibba ADWUI'iin biyyattii to'atedha yoo jedhame leellisuu hinta'u. Kun yommuu jedhamu , isaan duratti kennamaa hinturre jechuuf utuu hinta'in , jabaatee kan inni itti fufe jechuuf akka ta’e itti hubatamuu qaba. 


Sababnisaas , Lubni Gammachuufaa , Maggaabee Haayimaanot Yiheeyyis Mogas , Lubni Waasihuun , Hordofaan , Lubni Badhaasaa fi warri kaanis manneen kiristaanaa baadiyyaa keessa naanna'aanii barsiisaa kan isaan turan , Afaan Oromoon ta'uusaa kan amantoonni dhugaa ba'aani dha. Warreen Afaan Oromoo hindandeenyes hiiksisaa barsiisaa kan turan ta'uusaanii , qorannoo barreeffama kana qopheessuuf taasifneen mirkaneessuu dandeenyeerra. 


Kan manni kiristaanaa afaan garaagaraatiin barsiiftu namoota gammachiisuuf utuu hin ta'in , ajaja Waaqayyoo raawwachuun ergamashee waan ta'eefi dha. "Hindhaga'aan taanaan akkamitti amanu? Yoo hin amananis akkamitti dhugoomu?" Gooftaanis Duukabu'ootasaa Qulqullootaan afaan isaan tokkicha beekan dabalataan kan inni afaan 71 isaaniif ibse , sababii afaaniidhaa Wangeelli babal'achuurraa akkanni hindanqamneef ta'uusaa akeekkannoon hubatti. Dhugaadha , abboonni keenya duraanii hammamtaa shakkitoonni hojjetaniin hojjetaniiru jechuuf nama dhiba. 


Kan ta'e ta'ee , akka ilaalcha Waasihuunfaatti amantaasaaniitti kiristaanota jabeessuunis ta'e gara amantaa isaanii duraatti akkasaan deebi'an gochuuf , kan gargaaru lallaba wangeelaati malee , Afaan Oromootiin qiddaaseen qaddafamuusaa akka hin taane hubachuuf qorannoo hin fedhoomsu. Sababnisaas , hiika Qiddaasee kan hin beekne dubbataa Afaan Oromoo qofaa utuu hin ta'in , dhalataa saba kamiiyyuu kan Gi'iizii hinbaranne ta'uunsaa amanamaadhaa tii. Kan biraan , qiddaaseen tajaajila kadhannaa ti. Lallabni wangeelaa kutaa qaama qiddaasee keessaa isa tokko yoo ta'u , kan inni kennamaa tures Afaan Oromoon akka ta'e qopheessaa barreeffama kanaa caalaa , Lubni Badhaasaanfaa dhuga baatota hogayyuu dha. 


Qabsoon isaanii , waa'ee fayyuu dhala namaa yaaduun jaalalaaf kasoominaan utuu hin ta'in , oftuulummaa fi tuffiitiin ta'us , Eebbifamoon Abune Heenook akka qiddaaseen Afaan Oromootti hiikamuuf Qulqulluu Sinoodoosiif dhiyeessanii , Sinoodoosiinis waakkannaa tokko malee fudhatee , baasiin ol-aanaan itti ba'ee , maxxanfamee , raabsamee tajaajilarra akka jiru Oortodooksota mitii tii musiliimonnii fi pirotestaantonnuu kanaaf dhugaa ba'u. Kan baay'ee nama dinqu garuu , hordoftoonni amantaa musiliimaa Oromiyaa keessa jiran barumsi isaaniis ta'e sirni kadhannaa isaanii kan taasifaman Afaan Arabaan yoo ta'u , warraaqsi isaanirratti ka'e garuu hin jiru. 


Maarree , maaliif Oortodooksii irratti ijibbaatan ree? Gaaffii jedhu kaasuun nu dirqamsiisa. Qiddaaseen Afaan Oromootti hiikamuunsaa qaamota kana hin gammachiifne. Sababnisaas , foolannaan saammii seenaas kan isaanitti foolate waan ta'eef. Ittoon isaaniin hin itteeffamne waan hin mi'oofneef! Dubbiin dubbii fida akkuma jedhan , duraan duree phaaphaasii kibba lixa Shawaa kan turani Saawiiroos , shallaga maaliin abukaattoo afaanii akkasaan ta'uu danda'aan yommuun yaadu baay'ee na dinqa. 


Sababnisaas , biyya lallaba isaaniitti uumamsa gooliitiin kan beekaman , hammina hojii isaaniirraa kan ka'es yaaddoon keessoo isaanii waan buluuf/Akkuma cubbamaan eenyuyyuu utuu isa hin ari'iin baqata jedhamu/ guyyaa tokkoyyuu biyya lallabaa isaanii bulanii kan hin beekne , biyya lallabichaarrattis tajaajila qabaa guutu kan hin raawwanne akkasaan ta'aan uummati amantoota Waliisoo dhuga baatoo hogayyuu ti. Yommuun kana yaadu , "Bara kitaabi waan hintaanee ol ol ta'e" kan jedhe na yaadachiise. 


Dhimmichi ifatti fedha siyaasawaa kan of keessaa qabu ta'uunsaa , kan akkasii kana kan beekumsarraa , simboof kabajaa abbummaarraa kan gadooman , namoota dhuunfaa Waaqayyo sammuu hintaaneef dabarsee isaan kenne gargaaramuun mootummaan shireessaan tibbana Lixa Wallaggaa irratti kan inni hojjete ilaaluun ga'aa dha. Namoonni kunniin warreen amantaa akkasaan hintaane haalaan hubanna. Sababnisaas , lammiileen keenya sababii amantaa isaanii Shaashamannee irratti , Lixa Shawwaa irratti , Kaaba Shawwaa irrattii fi naannolee Oromiyaa biroorrattis yommuu isaan akka Hoolaa qalaman , manneen kiristaanaa yommuu isaan akka xombooraa gubaman xis jedhanii hafuura hinbaafanne. 


Kanarra , ajjeechaa Goondar irratti raawwatameen abukaattota musiliimotaa ta'aanii isaanii isaaniif dubbatuu hubanne. ABO'n bosona jirus , harka isaanii mirgaa waan ta'eef , waan maraan deeggaruu malee , yoo maal ta'e isa mormu? Itti fufna ...

No comments:

Post a Comment

Labsiin Ajjeechaan Kan Ittiin Darbe Ibsa Muummicha Ministeeraa

Muummichi ministeeraa naanna'aa dhimmoota nagaaf amantaa irratti ibsa isaan kennan jedhamee , A.L.I Amajjii 23 ,  2015 miidiyaalee mootu...