Friday, January 27, 2023

Maandisoota Mudama Phaaphaasummaa Alseerawaa

Siyaasni sanyii biyya keenyatti leellisuun erga jalqabameetii waggoottan kurnan sadan tokko lakka'aamaniiru. Adeemsa dheeraa kana keessatti humnoonni finxaaleeyyiin qiyyaafata jalqabaa isaanii dhaabbilee isaanii taasisan keessaatii isheen tokkoof ijoon , Mana Kiristaanaa Oortodooksii Tawaahidoo ta'uunshee , haqa ifatti mul'atu dha.



Akka agarsiiftuutti , marata isaanii maratanii abboonni luboonni tajaajilaaf socho'an akka abbaa amantaatti utuu hinta'in , akka dabballeetti akkasaan lakka'aamaniif , akkas jechaa hojii cilaattessuu hojjetaa turaniiru , "Dabballeen mataa adii , biyya keenyarraa badi" fi kkf jechuudhaan , amantoota garraamii amanticha keessaa yaasuuf dhagaasaan hinfonqolchine hinjiru.
Keessumattuu , ilaalcha isaanii siyaasaa tarkaanfachiisuuf kan isaaniif mijatuu fi qoccolleessa hacuucaaf hacuucamaa isaanii kan fudhatan amantoonni Wallagga Bahaa , Wallagga Lixaa fi gurmeessa ammaan Wallaggaa Horro Guduruun isaan caqasamani dha. Ta'us garuu , qixa isaan yaadaniin sakaalamanii , amantii isaanii gad-dhiisanii shakkituu yookiin musiliima hintaane. Siyaasistoonni kanaan nyakkisan , ergama isaanii raawwachuudhaaf kan isaan dandeessisu loote seentota calalachuun siyaasa isaaniin isaan cuuphani. Erga amanuu isaanii mirkaneeffatanii booda akka isaan amanamaniif dirqama isaaniif laataniiru. Isaan calalamanii ba'aan keessaatii tokko kan ta'e Waasihuun Amanuu yoo ta'u , namni dhuunfaan kun , amantaasaa caalaa sanyiisaaf nama hongocaa'u , Naarsisii , Yeeyyii gogaa Hoolaa uffatee amma Mana Kiristaanaa hiruuf , phaaphaasonni alseerawoon akkasaan mudamaniif A.L.I 1986 irraa jalqabee , kan inni qabsa'aa ture , homaa beekumsa utuu hin qabaatin karaa alseerawaatiin akkasaan phaaphaasummaa mudamaniif keessummattuu moloksoota lama kan malaanmale , nama dhuunfaa farra Oortodooksii fi Itiyoophiyaa kan ta'e dha.
Siyaastonni kan isaan fedhan fedha biyyarraa qoodamuu , gama Mana kiristaanaa tiin milkeessuun indanda'aama jedhee kan amanu Waasihuun Amanuun , milkaa'insa kaayyoo isaatii kanaaf , beekumsarraa bilisa kan ta'aan , kanneen rakkoo Ikkoonoomii fi rakkoo naamusa gaarii qaban kan caasaa Mana kiristaanaa keessa jiran lubootaaf daaqunoota calalafachuun gama dadhabina isaaniitiin isaanitti seenaa , nama dhuunfaa kaayyoo seexanummaasaatiif fayyadamu dha. Mootummaan , uummati biyyattii loqoda afaan isaanii ittiin hiikkataniin akka barataniif sababii himaammata baasuu isaatiin , amantoonni Wallagga Lixaa jiran qiddaasee dhaggeeffatanii ameen jechuu dadhabuu isaanii kan hubate D/n Daani'eel Kabaa kaka'umsa ofii isaaniin ka'aanii amma qaddasan jedhee qajeelinaan yaaduun qiddaasee hiikee yommuu isaaniif kennu , yaada namaa hatuunii fi mankaraaressummaa siyaasaa isaaniin kan beekaman namni Mitikkuu Takkolaa jedhaman (Utuma dubbannuuyyuu , namni kun , "Oromoo Fi Oortodooksii" kitaaba jedhu barreessee , Amantaan Oortodooksiin Tawaahidoo amantii waaqeffannaa aadaa wajjin qixxeessuuf kan carraaqe , sanyoomaa maqaaf luba ofiin jedhudha) Wajjin ta'un , Qiddaasee Afaan Oromoo kan D/n Daani'eel Kabaa hiike qarshii ittisaaf to'annaa HIV Eedsiirraa saameen maxxansee raabsuun kan beekamu hattuu qabeenya sammuuti. Nama kanadha egaa Mana Kiristaanaa garlamatti qooduuf carraaqaa kan turee fi miira yerichi kan keenyadha jedhuunii fi maal na dhibdeen muuddootaaf mudamoo alseerawoo wajjin suuraa ka'uudhaan galma siyaasaa addaan cituusaa milkeesseera kan jedhuun hafuurri xura'aan jinniin kan isa bubbutudha. Ittideebina ...




No comments:

Post a Comment

Labsiin Ajjeechaan Kan Ittiin Darbe Ibsa Muummicha Ministeeraa

Muummichi ministeeraa naanna'aa dhimmoota nagaaf amantaa irratti ibsa isaan kennan jedhamee , A.L.I Amajjii 23 ,  2015 miidiyaalee mootu...